Pular para o conteúdo
Publicidade

Tiago 4

Waaʼee Boriitiif of jajuu

13 Egaa isin warri, "Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna" jettan mee dhagaʼaa. 14 Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha. 15 Qooda kanaa isin, "Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna" jechuu qabdu. 16 Amma garuu isin of jajuu keessanitti gammaddu. Gammachuun akkasii hundi hamaa dha. 17 Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.

Veja também