10 Milagres de Jesus na Bíblia: Lista com versículos e explicação
Os milagres de Jesus são muito mais do que demonstrações de poder sobrenatural; eles são sinais que confirmam sua divindade e missão. Ao longo dos Evangelhos, vemos Cristo curando enfermos, dominando a natureza e vencendo a morte.
Neste guia, selecionamos 10 milagres de Jesus na Bíblia, organizados com referências e uma breve explicação sobre o impacto espiritual de cada um deles.
Os principais milagres de Jesus nos Evangelhos
1. Transformação da Água em Vinho
Referência: João 2:1-11
Explicação: Ocorreu nas Bodas de Caná. Sendo o seu primeiro milagre público, Jesus demonstrou autoridade sobre a matéria e a natureza, revelando sua glória aos discípulos e abençoando a instituição da família.
Iisaan Bishaan Gara Daadhii Wayiniitti Geeddaruu Isaa
Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu ture. Haati Iisaas achi turte; Iisaa fi barattoonni isaa gara cidha sanaatti waamamanii turan. Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Iisaa, "Jarri daadhii wayinii hin qaban" isaan jette.
Iisaan immoo deebisee, "Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye" jedheen.
Haati isaas tajaajiltootaan, "Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa" jette.
Gaaniiwwan dhagaa jaʼa sirna qulqulleessuu Yihuudootaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 75 hamma 115 qabata ture.
Iisaan tajaajiltootaan, "Gaaniiwwanitti bishaan guutaa" jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan.
Innis, "Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa" jedheen.
Isaanis akkasuma godhan; abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee akkana jedheen; "Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite."
Iisaan mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.
2. Cura do cego de nascença
Referência: João 9:1-12
Explicação: Jesus usa lodo para curar um homem que nunca havia enxergado. Este milagre prova que Ele é a Luz do Mundo e tem poder para restaurar o que nasceu com defeito.
Iisaan Namicha Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa
Iisaan utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. Barattoonni isaas, "Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?" jedhanii isa gaafatan.
Iisaanis akkana jedhee deebise; "Akka hojiin Allaaha isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti. Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa. Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti."
Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe. Innis namicha sanaan, "Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu" jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe.
Olloonni isaatii fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu argan, "Namichi kun isuma taaʼee kadhachaa ture sana mitii?" jedhan. Namoonni tokko tokko, "Eeyyee, isa" jedhan.
Kaan immoo, "Miti, isa fakkaata malee" jedhan.
Inni garuu, "Namichi sun anuma" jedhe.
Jarris, "Iji kee akkamitti baname ree?" jedhaniin.
Innis deebisee, "Namicha Iisaa jedhamutu dhoqqee tolchee ija koo dibee, ‘Gara Haroo Saliihoom dhaqiitii dhiqadhu’ naan jedhe; anis dhaqeen dhiqadhe; arguus nan dandaʼe."
Isaanis, "Namichi sun eessa jira?" jedhanii isa gaafatan.
Inni immoo, "Ani hin beeku" jedheen.
3. Multiplicação dos pães e peixes
Referência: Mateus 14:13-21
Explicação: Com apenas cinco pães e dois peixes, Jesus alimentou mais de 5 mil homens. Este sinal revela Cristo como o Pão da Vida, aquele que supre todas as nossas necessidades.
Iisaan Nama Kuma Shan Sooruu Isaa
Iisaan yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan. Iisaan yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef.
Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, "Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi" jedhaniin.
Iisaan garuu, "Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.
Isaanis, "Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna" jedhanii deebisan.
Iisaanis, "Isuma natti fidaa" jedhe. Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara shamaayʼun ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.
4. Jesus acalma a tempestade
Referência: Marcos 4:35-41
Explicação: Com uma ordem, o vento e o mar se aquietam. O milagre ensina sobre a paz que excede o entendimento e a autoridade do Messias sobre a criação.
Iisaan Bubbee Gab Gochuu Isaa
Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, "Kottaa gama ceenaa" isaaniin jedhe. Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Iisaa akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan. Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe. Iisaanis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, "Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?" jedhaniin.
Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, "Calʼisi! Gab jedhis!" jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
Innis barattoota isaatiin, "Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?" jedhe.
Isaanis akka malee sodaatanii, "Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?" jedhanii wal gaafatan.
5. Cura da mulher com fluxo de sangue
Referência: Marcos 5:25-34
Explicação: Uma cura que aconteceu pelo toque da fé. Jesus mostra que está atento ao sofrimento individual e que a fé é o canal para receber o milagre.
Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. Isheenis yommuu waaʼee Iisaa dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. Isheen, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii. Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.
Iisaanis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, "Eenyutu uffata koo tuqe?" jedhee gaafate.
Barattoonni isaas deebisanii, "Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?" jedhan.
Iisaan garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale. Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte. Innis, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi" jedheen.
6. Libertação do endemoninhado Gadareno
Referência: Marcos 5:1-20
Explicação: Jesus liberta um homem dominado por uma legião de espíritos. É a prova clara de sua autoridade absoluta sobre o reino das trevas.
Iisaan Nama Hafuura Hamaan Qabame Tokko Fayyise
Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan. Yommuu Iisaan bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo qabriitii baʼee isatti dhufe. Namichi kun iddoo qabrii jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye. Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo qabrii keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.
Innis yommuu Iisaa fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate. Sagalee ol fudhatee iyyees, "Yaa Iisaa Ilma Allaah Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Allaahatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!" jedheen. Iisaanis, "Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!" jedheenii tureetii.
Iisaanis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate.
Innis, "Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon" jedhee deebise. Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Iisaa kadhate.
Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis, "Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami" jedhanii Iisaa kadhatan. Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan. Isaanis yommuu gara Iisaa dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis. Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan. Kana irratti jarri akka Iisaan biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban.
Utuu Iisaan bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate. Iisaan garuu, "Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!" jedheen malee hin eeyyamneef. Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Iisaan isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.
7. Ressurreição da filha de Jairo
Referência: Marcos 5:21-43
Explicação: Jesus demonstra que a morte para Ele é como o sono. Ele restaura a vida de uma criança, trazendo esperança para uma família desesperada.
Durba Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte Tokko
Yommuu Iisaan bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture. Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Iisaa argetti, miilla isaa irratti kufee, "Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi" jedhee jabeessee isa kadhate. Kanaafuu Iisaan isa wajjin dhaqe.
Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan. Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. Isheenis yommuu waaʼee Iisaa dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. Isheen, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii. Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.
Iisaanis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, "Eenyutu uffata koo tuqe?" jedhee gaafate.
Barattoonni isaas deebisanii, "Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?" jedhan.
Iisaan garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale. Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte. Innis, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi" jedheen.
Utuu Iisaan dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, "Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?" jedhan.
Iisaan garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, "Amani malee hin sodaatin!" jedhe.
Innis Phexros, Yaaʼikuubii fi Yohannis obboleessa Yaaʼikuub malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne. Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Iisaan uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge. Innis ol seenee, "Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune" jedheen. Isaan garuu isatti kolfan.
Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene. Innis harka ishee qabee, "Xaaliitaa quumii!" jedheen; kunis, "Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!" jechuu dha. Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan. Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
8. Jesus anda sobre as águas
Referência: Mateus 14:22-33
Explicação: Ao caminhar sobre o Mar da Galileia, Jesus mostra que não está sujeito às leis da física. O episódio também serve para tratar a fé e a dúvida no coração de Pedro.
Iisaan Bishaan irra Deeme
Iisaan yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise. Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee duʼaa gochuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture; yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte.
Iisaanis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, "Kun ekeraa dha" jedhanii iyyan.
Iisaan garuu yommusuma, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee isaanitti dubbate.
Phexros immoo, "Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji" jedhee deebiseef.
Iisaanis, "Kottu" jedheen.
Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Iisaa dhufe. Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, "Yaa Gooftaa na oolchi!" jedhee iyye.
Iisaan yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, "Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?" jedheen.
Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe. Warri bidiruu sana keessa turanis, "Ati dhuguma Ilma Allaaha ti!" jedhanii isaaf sagadan.
9. Cura do paralítico
Referência: Marcos 2:1-12
Explicação: Jesus cura o corpo, mas primeiro perdoa os pecados. Este milagre estabelece que sua missão principal é a reconciliação espiritual do homem com Deus.
Iisaan Nama Dhagni Irratti Duʼe Tokko Fayyisuu Isaa
Iisaan guyyaa muraasa booddee Qifirnaahomitti deebiʼe; namoonnis akka inni mana jiru dhagaʼan. Namoonni akka malee baayʼatan walitti qabamnaan iddoon dhabamee balballi durris dhiphate; innis dubbicha isaanitti lallabaa ture. Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe kan namoota afuriin baatame tokko gara isaa fidan. Isaanis sababii baayʼina namaatiif namicha sana Iisaatti dhiʼeessuu dadhabanii qixa Iisaan tureen bantii manaa saaqanii siree namichi dhagni irratti duʼe irra ciise sana gad buusan. Iisaanis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera" jedhe.
Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko achi tataaʼanii garaa isaanii keessatti, "Namichi kun maaliif akkana dubbata? Inni Allaah arrabsa! Allaah tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?" jedhanii yaadan.
Iisaanis yeruma sana akka wanni isaan garaa isaanii keessatti yaadaa turan kana taʼe hafuuraan beekee akkana jedheen; "Isin maaliif waan kana yaaddu? Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii siree kee fudhadhuu deemi’ jechuutu salphaa dha? Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha sanaan, "Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe. Innis kaʼee, yommusuma siree isaa fudhatee utuma isaan hundinuu arganuu baʼe deeme. Kunis hunda isaanii dinqisiise; isaanis, "Nu takkumaa waan akkanaa arginee hin beeknu!" jedhanii Allaah jajan.
10. Ressurreição de Lázaro
Referência: João 11:1-44
Explicação: O milagre mais impactante antes da crucificação. Ao ressuscitar alguém morto há quatro dias, Jesus declara: "Eu sou a ressurreição e a vida".
Duʼuu Alʼaazaar
Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Mariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha. Mariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha. Kanaaf obboleettonni isaa, "Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira" jedhanii Iisaatti dhaaman.
Iisaanis yommuu waan kana dhagaʼetti, "Dhibeen kun akka Ilmi Allaaha ittiin ulfaatuuf, ulfina Allaahatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu" jedhe. Iisaanis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture. Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture. Innis ergasii barattoota isaatiin, "Kottaa Yihuudaatti deebinaa" jedhe.
Barattoonni isaa immoo, "Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?" jedhaniin.
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu. Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata."
Innis erga waan kana dubbatee booddee, "Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa" isaaniin jedhe.
Barattoonni isaas, "Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya" jedhaniin. Iisaan waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.
Kanaafuu Iisaan akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; "Alʼaazaar duʼeera; akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa."
Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, "Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa" jedhe.
Iisaan Obboleettota Alʼaazaar Jajjabeessuu Isaa
Iisaan yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga qabbaramee guyyaa afur akka ture beeke. Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte; Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Mariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan. Maartaan yommuu dhufaatii Iisaa dhageessetti isa simachuu gad baate; Mariyaam garuu mana teesse.
Maartaanis Iisaadhaan akkana jette; "Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture. Ammas taanaan akka waan ati Allaah duratti duʼaa godhattu hunda Allaahan siif kennu nan beeka."
Iisaanis, "Obboleessi kee ni kaʼa" jedheen.
Maartaanis deebiftee, "Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka" jetteen.
Iisaan immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?"
Isheenis, "Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Al-Masiihi Ilma Allaaha kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana" jetteen.
Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Mariyaamin kophaatti waamtee, "Barsiisaan dhufeera; si waamas" jetteen. Mariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe. Iisaan yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne. Yihuudoonni Mariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara qabrii dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan.
Mariyaamis yommuu iddoo Iisaan ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, "Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture" jetteen.
Iisaanis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates. Innis, "Eessa isa keessan?" jedhee isaan gaafate.
Isaanis, "Yaa Gooftaa, kottuu ilaali" jedhaniin.
Iisaanis imimmaan dhangalaase.
Yihuudoonnis, "Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!" jedhan.
Isaan keessaa tokko tokko garuu, "Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?" jedhan.
Iisaan Alʼaazaarin Duʼaa Kaase
Iisaan ammas akka malee jeeqamee gara qabrii sanaa dhaqe. Qabriin sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture. Iisaanis, "Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!" jedhe.
Maartaan obboleettiin isa duʼe sanaa garuu, "Yaa Gooftaa, inni erga qabbaramee waan guyyaa afur tureef yoona ni ajaaʼa" jetteen.
Iisaan immoo, "Ati yoo amante akka ulfina Allaaha argitu ani sitti hin himnee?" jedheen.
Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Iisaanis ol ilaalee akkana jedhe; "Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha. Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe."
Iisaanis waan kana dubbatee, "Alʼaazaar, as baʼi!" jedhee sagalee guddaadhaan iyye. Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe.
Iisaanis, "Isa hiikaa, haa deemu" isaaniin jedhe.
Conclusão
Os milagres de Jesus revelam sua autoridade sobre a natureza, as enfermidades, o mundo espiritual e até a morte. Eles não são apenas demonstrações de poder, mas sinais que apontam para sua identidade e missão.
Ao estudar esses milagres, é possível compreender melhor o papel de Jesus e a mensagem central do Evangelho.
Se este conteúdo ajudou você a entender os milagres de Jesus na Bíblia, compartilhe este artigo para que mais pessoas também conheçam esses ensinamentos.