Anjos
Os anjos são seres celestiais criados por Deus para servir, adorar e executar seus propósitos. A Bíblia revela anjos mensageiros, guerreiros e protetores ao longo de toda a história redentora.
Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, malaʼikkaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yuusuf ilma Daawud, kaadhimni kee Mariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin.
Malaʼikkaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; "Hin sodaatinaa! Akka isin Iisaa isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka. Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.
Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana malaʼikkoota Allaaha Leegewoonii Kudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?
Malaʼikkaan sun garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Mariyaam, hin sodaatin; ati Allaah biraa surraa argatteertaatii. Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Iisaa jettee moggaafta.
Malaʼikkaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; "Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.
"Shamaayʼunii gubbaatti ulfinni Allaahaf,
lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu."
Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif malaʼikkoonni Allaaha akkasuma ni gammadu."
Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Shamaayʼun ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Akkanas jedhaniin; "Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Shamaayʼun ilaaltu? Iisaan innumti isin biraa shamaayʼuniitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni shamaayʼuniitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa."
Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa. Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin malaʼikkoota Allaaha simataniiruutii.
Ani yoon afaan namootaatii fi afaan malaʼikkoota Allaaha dubbadhe, garuu jaalala qabaachuu baannaan akkuma sibiila iyyuu yookaan akka kilillee qillisu tokkoo ti.
Allaahatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis,
Inni fooniin mulʼate;
Hafuuraan mirkaneeffame;
malaʼikkoota Allaahatu isa arge;
saboota keessatti lallabame;
addunyaa irratti itti amaname;
ulfinaan ol fudhatame.
Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee malaʼikkaa hangafaatii fi sagalee malakata Allaahatiin shamaayʼun irraa ni buʼa; warri Al-Masiihitti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
Namni moʼu akkuma isaanii uffata adaadii ni uffata. Anis maqaa isaa kitaaba jireenyaa keessaa gonkumaa hin haqu; fuula Abbaa kootii fi malaʼikkoota isaa durattis maqaa isaa nan beeksisa.
Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.