Arca de noé
A arca de Noé é história de salvação e fidelidade. Deus instruiu Noé a construir a arca para salvar sua família e os animais do dilúvio — exemplo supremo de obediência e fé.
Kanaafuu Allaahan Nuuhiin akkana jedhe; "Waan lafti sababii isaaniitiin jeequmsaan guutamteef, ani nama hunda nan balleessa; kunoo ani dhugumaan lafaa fi isaan nan barbadeessa. Ati muka Goofar irraa doonii tolfadhu; keessa isaattis kutaa garaa garaa qopheessi; keessaa fi duuba isaas hapheedhaan duuchi. Haalli ati ittiin doonicha tolchitu kanaa dha; dheerina isaa dhundhuma dhibbaa sadii, balʼina isaa dhundhuma shantama, ol dheerina isaa dhundhuma soddoma godhi. Doonichaaf bantii dhundhuma tokko ol kaʼu hojjedhu; cinaacha isaa irrattis balbala baasi; kanas abbaa darbii sadii jechuunis kan gadii, kan gidduutii fi kan gubbaa godhii hojjedhu.
Rabbii Allaahanis Nuuhiin akkana jedhe; "Ani akka ati dhaloota kana keessaa na duratti qajeelaa taate argeeraatii maatii kee hundumaa wajjin doonicha seeni.
Nuuhii fi ilmaan isaa, niitii isaatii fi niitonni ilmaan isaa bishaan badiisaa jalaa baʼuuf doonii seenan. Bineensonni qulqulluu fi kan qulqulluu hin taʼin, simbirroonnii fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundi, cimdii cimdiidhaan, kormaa fi dhalaan gara Nuuhi dhufanii akkuma Allaahan Nuuhiin ajajetti doonicha seenan. Guyyaa torba booddee bishaan badiisaa lolaʼee lafa guute.
Bineensonni akkuma Allaahan Nuuhin ajajetti dooniitti galan kormaa fi dhalaa uumamawwan lubbu qabeeyyii hundaa turan; ergasii immoo Rabbii Allaahan alaan itti cufe.
Bishaan badiisaas ittuma fufee guyyaa afurtamaaf lafa irra ture; bishaan sunis dabalaa deemee doonii sana lafa irraa ol kaase. Bishaanichis ol kaʼee lafa irratti akka malee baayʼate; dooniin sunis bishaanicha irra deeme.
Uumamawwan lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hundinuu ni haxaaʼaman; namnii fi horiin, uumamawwan lafa irra munyuuqanii fi simbirroonni Shamaayʼunii, lafa irraa ni haxaaʼaman. Nuuhii fi warra isa wajjin doonii keessa turan qofattu hafe.
Bishaan sunis suutuma suuta lafa irraa hirʼachaa deemee dhuma bultii dhibba tokkoo fi shantamaatti gad buʼe. Dooniin sunis guyyaa kudha torbaffaa jiʼa torbaffaatti tulluu Araaraati gubbaa qubate.
Guyyaa afurtama booddee Nuuhi foddaa dooniitti baasee ture sana bane; innis arraagessa tokko gad dhiise; arraagessi sunis hamma bishaanichi lafa irraa gogutti asii fi achi deddeebiʼaa ture. Ergasii immoo akka bishaanichi lafa irraa hirʼate hubachuuf gugee tokko erge. Garuu sababii bishaan lafa hunda irra guutee jiruuf gugeen sun iddoo qubatu dhabdee gara Nuuhi dooniitti deebite. Innis harka isaa gad hiixatee gugee sana gara dooniitti iddoo ofii jirutti ol galche. Ammas guyyaa torba turee gugee sana doonii keessaa gad baasee erge. Gugeen sunis galgala yommuu gara isaatti deebitetti kunoo, baala ejersaa kan amma kutame afaanitti qabattee turte. Kanaanis Nuuhi akka bishaanichi gad hirʼate beeke. Ammas guyyaa biraa torba turee gugee sana deebisee erge; gugeen sun garuu lammata gara isaatti hin deebine.
Umurii Nuuhii waggaa dhibba jaʼaa fi tokkoffaatti, guyyaa tokkoffaa jiʼa jalqabaatti, bishaanichi lafa irraa goge. Nuuhis qadaada doonii sanaa irraa fuudhee ilaalee kunoo akka lafti gogde arge.
Allaahanis Nuuhiin akkana jedhe; "Atii fi niitiin kee, ilmaan keetii fi niitonni ilmaan keetii kottaa doonii keessaa baʼaa. Akka isaan lafa irratti baayʼataniif, akka isaan horanii lafa irratti baayʼataniif, gosa uumamawwan lubbu qabeeyyii si wajjin jiran hunda jechuunis simbirroota, bineensotaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hunda gad baasi."
Ergasii Allaahan Nuuhii fi ilmaan isaa warra isaa wajjin turaniin akkana jedhe; "Kunoo ani isinii fi sanyii keessan warra isin booddee wajjin kakuu koo nan hundeessa. Akkasumas uumamawwan lubbu qabeeyyii isin wajjin turan hunda jechuunis simbirroota, horii fi bineensota lafaa hunda, waan isin wajjin doonii keessaa baʼe hunda, uumamawwan lafa irra jiraatan hunda wajjinis kakuu koo nan hundeessa. Akka siʼachi wanni lubbuu qabu hundi deebiʼee bishaan badiisaatiin hin badneef, siʼachi bishaan badiisaa lafa balleessuuf gonkumaa akka hin dhufneef ani isin wajjin kakuu koo nan hundeessa."
Ani sabbata koo duumessa keessa dhaabeera; innis kakuu anaa fi lafa gidduu jiruuf mallattoo taʼa.
Nuuhi waaʼee waan amma illee ijaan hin argaminii Allaahan isa akeekkachiifnaan sodaatee warra mana isaa jiraatan oolfachuuf jedhee amantiin doonii tolche. Amantii isaatiinis addunyaatti mure; dhaaltu qajeelummaa amantiin argamuus taʼe.
isaanis bara Nuuhi keessa utuu dooniin ijaaramaa jiruu, yeroo Allaahan obsaan eegetti warra hin ajajaminii dha. Doonii kanaanis nama muraasa, walumatti nama saddeeti qofatu badiisa bishaanii jalaa baʼe; bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Allaahaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Iisaa Al-Masiihiin isin fayyisa; Al-Masiihiin shamaayʼuniitti ol baʼee mirga Allaaha jira; malaʼikkoonni Allaaha, aangoowwanii fi humnoonni hundinuu isa jalatti bulu.
Akkuma bara Nuuhi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa. Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nuuhi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii. Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa. Gaafas namoonni lama lafa qotiisaa keessa hojjetu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa. Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti.