Publicidade

Batismo

Por Bíblia Online

O batismo é mandamento de Jesus e proclamação pública de fé. É símbolo de morte para o pecado, sepultamento com Cristo e ressurreição para uma vida nova no Espírito.

O mandamento de Jesus

Ide e fazei discípulos, batizando-os em nome do Pai, do Filho e do Espírito Santo. O batismo é porta de entrada na comunidade cristã.

Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira."

Iisaan immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; "Taayitaan hundinuu shamaayʼunii fi lafa irratti naa kennameera. Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira."

Cuuphamuu Iisaa

Iisaan ergasii Yahyaan cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos dhufe.

Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.

Innis akkana isaaniin jedhe; "Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis injiila lallabaa. Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.

Cuuphamuu fi Qoramuu Iisaa

Yeroo sana Iisaan Naazreeti ishee Galiilaatii dhufee Laga Yordaanos keessatti Yahyaan cuuphame. Iisaan utuma bishaan keessaa ol baʼaa jiruu, shamaayʼuniin banamee utuu Hafuurri akkuma gugeetti isa irratti gad buʼuu arge.

Morrer e ressuscitar

Fomos sepultados com Cristo pelo batismo na morte para que andemos em novidade de vida. O batismo é renascimento pelo Espírito.

Yookaan nu warri Al-Masiihi Iisaatti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii? Kanaafuu akkuma Al-Masiihiin ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin qabbaramne.

Yookaan nu warri Al-Masiihi Iisaatti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii?

Gonkumaa hin taʼu! Nu warri cubbuuf duune, siʼachi akkamitti cubbuu jala jiraanna? Yookaan nu warri Al-Masiihi Iisaatti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii? Kanaafuu akkuma Al-Masiihiin ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin qabbaramne.

Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.

isinis cuuphaadhaan isa wajjin qabbaramtanii humna Allaaha kan Al-Masiihii warra duʼan keessaa isa kaasetti amanuu keessaniin cuuphaadhuma sanaan isa wajjin kaafamtaniirtu.

Hundi keessan amantii Al-Masiihi Iisaatti qabdaniin ijoollee Allaaha ti; isin warri Al-Masiihitti cuuphamtan hundi Al-Masiihii uffattaniirtuutii.

Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Allaahatti galuu hin dandaʼu.

Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Allaahatti galuu hin dandaʼu.

inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;

bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Allaahaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Iisaa Al-Masiihiin isin fayyisa;

Batismo e Espírito

Arrependei-vos e cada um seja batizado. O batismo no Espírito Santo é poder para vida e testemunho.

Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.

Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.

Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.

Garuu yommuu Fiiliphoos injiila waaʼee mootummaa Allaahatii fi maqaa Iisaa Al-Masiihii lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman. Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.

Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, "Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?" jedheen. [Fiiliphoosis, "Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa" jedheen. Namichis deebisee, "Akka Iisaan Al-Masiihii ilma Allaaha taʼe ani nan amana" jedhe.] Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe. Yommuu isaan bishaan keessaa baʼanittis Hafuurri Gooftaa Fiiliphoosin fudhate; xuʼaashiin sunis ergasii isa hin argine; garuu gammadaa karaa isaa itti fufe.

"Akka namoonni akkuma keenya Hafuura Qulqulluu argatan kunneen hin cuuphamneef namni bishaan dhowwachuu dandaʼu eenyu?" Innis akka isaan maqaa Iisaa Al-Masiihiitti cuuphaman ajaje; isaanis akka Phexros bultii xinnoo isaan bira turuuf isa kadhatan.

"Akka namoonni akkuma keenya Hafuura Qulqulluu argatan kunneen hin cuuphamneef namni bishaan dhowwachuu dandaʼu eenyu?"

Phaawulosis, "Cuuphaan Yahyaa qalbii jijjiirrannaa ti; Yahyaan akka isaan kan isa duubaan dhufaa jirutti, jechuunis Iisaatti amananiif namootatti hima ture" jedhe.

Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Iisaatti cuuphaman. Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan.

Isaanis waan kana dhagaʼanii maqaa Gooftaa Iisaatti cuuphaman.

Yommuu Phaawulos harka isaan irra kaaʼetti Hafuurri Qulqulluun isaan irra buʼe; isaanis afaan haaraadhaan dubbatan; raajiis ni dubbatan.

Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.

Yahyaan bishaaniin cuupheetii; isin garuu bultii xinnoo booddee Hafuura Qulqulluudhaan ni cuuphamtu."

Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu."

Erga isaan Allaah duratti duʼaa gootanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Allaaha dubbatan.

Cuuphamuu Iisaa

Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Iisaanis ni cuuphame. Utuu inni duʼaa gochaa jiruu shamaayʼuniin banamee, Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, "Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada" jedhu tokkos shamaayʼun irraa ni dhufe.

Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!"

Um batismo

Em um Espírito fomos todos batizados em um só corpo. O batismo é um só, assim como um só é o Senhor e uma só é a fé.

Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.

Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.

Al-Masiihiin gargar qoodameeraa? Phaawulositu isinii fannifame ree? Yookaan maqaa Phaawulosiin cuuphamtanii? Ani Kiriisphoosii fi Gaayoosin malee isin keessaa nama tokko illee waan hin cuuphiniif Allaah nan galateeffadha. Kanaaf namni akka isin maqaa kootiin cuuphamtan dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Eeyyee, ani warra mana Isxiifaanaas jiraatanis akkasuma cuupheera; sanaan alatti nama biraa tokko illee cuuphuu koo hin yaadadhu. Al-Masiihiin akka ani injiila lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Al-Masiihii humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu.

Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dhajedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture.

Inni akka ani bishaaniin cuuphuuf na erge sun, Namichi ati utuu Hafuurri gad buʼee isa irra jiraatuu argitu sun, isa Hafuura Qulqulluudhaan cuuphu dhajedhee utuu natti himuu baatee silaa ani iyyuu isa hin beeku ture.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-