Buscar a Deus
Buscar a Deus é o chamado mais urgente da Bíblia. Buscai primeiro o Reino de Deus. Os que buscam de todo coração encontram — porque Ele se deixa encontrar pelos que o procuram.
Buscai ao Senhor
Buscai ao Senhor enquanto se pode achar. Buscai e achareis. O Senhor recompensa os que o buscam com diligência.
Yeroo inni argamutti Rabbii Allaah barbaaddadhaa;
yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.
Yeroo inni argamutti Rabbii Allaah barbaaddadhaa;
yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.
"Ani warra na hin iyyaafatinitti nan mulʼadhe;
warri na hin barbaadinis na argatan.
Ani saba maqaa koo hin waammatiniin,
‘Ani asan jira; ani asan jira’ nan jedhe.
Inni dadhabdootaaf jabina kenna;
nama laafaaf immoo humna dabala.
Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus;
dargaggoonnis gufatanii kufu;
Warri Rabbii Allaah abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
"Yaa ilma koo Suleyimaan atis Allaah abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; Rabbii Allaahan waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa.
yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na duratti duʼaa godhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani shamaayʼun irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.
Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; "Aasaa fi Yihuudaan hundi, Biniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Rabbii Allaahan isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa.
Hafuurri Allaaha Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe. Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; "Aasaa fi Yihuudaan hundi, Biniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Rabbii Allaahan isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa. Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Allaah dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan. Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara Rabbii Allaah Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame. Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre. Sababii Allaahan rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture. Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii."
Aasaan yommuu dubbii kanaa fi nabiiʼiyyii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqeffatamtoota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Biniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa Rabbii Allaah kan gardaafoo mana qulqullummaa Rabbii Allaah dura jiru illee ni haaromse.
Innis Yihuudaa fi Biniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka Rabbii Allaahan isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii.
Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman. Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba Rabbii Allaahaf aarsaa godhan. Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan Rabbii Allaah abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan. Namni Rabbii Allaah Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture. Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan Rabbii Allaahaf ni kakatan. Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Allaah ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu Rabbii Allaahan karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne.
Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube. Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu Rabbii Allaahaf kennamee ture. Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Allaahaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Allaahatti ni galche.
Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane.
De todo o coração
Buscar-me-eis e me achareis quando me buscardes de todo o coração. O Senhor é bom para os que o buscam.
Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.
Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.
"Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?" jedha Rabbii Allaahan.
Garuu yoo achittis Rabbii Allaah keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
Warri ajajawwan isaa eegan,
kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
Warri ajajawwan isaa eegan,
kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.
Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;
akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.
Lubbuun koo gaddaan laafteerti;
ati akkuma dubbii keetiitti na jabeessi.
Ani ajaja kee waanan barbaaduuf,
bilisummaadhaan nan deddeebiʼa.
Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;
yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
Yommuu ati, "Fuula koo barbaadaa!" jettetti,
garaan koo, "Rabbii Allaah, ani fuula kee nan barbaada" siin jedha.
Yaa Allaah, ati Allaah koo ti;
ani dhugumaan sin barbaadadha;
lafa gogaa fi gammoojjii,
lafa bishaan hin jirretti,
lubbuun koo si dheebotti;
foon koos sitti gaggaba.
Buscar e encontrar
Pedi e dar-se-vos-á. O Senhor está perto de todos os que o invocam em verdade. Quem o busca não ficará insatisfeito.
"Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.
"Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa. Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
"Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.
Garuu mootummaa isaa barbaadaa; wanni kun akkasuma isiniif kennama.
Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii."
Warri maqaa kee beekan si amanatu;
yaa Rabbii Allaah, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
Warri maqaa kee beekan si amanatu;
yaa Rabbii Allaah, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
Rabbii Allaah nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne;
sodaa koo hunda keessaas na baase.
Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;
namni Rabbii Allaah barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
Rabbii Allaahatti gammadi;
innis hawwii garaa keetii siif guuta.
Rabbii Allaahan yoo namni waa hubatu,
kan Allaahas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee,
shamaayʼun irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
Rabbii Allaah, ati na qorteerta;
na beekteertas.
Ati yeroo ani gad taaʼuu fi yeroo ani ol kaʼu ni beekta;
yaada koos fagootti hubatta.
Inni Rabbii Allaah biraa eebba,
Allaah Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.
Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti;
kan dhaloota warra fuula Allaah Yaaʼikuub barbaadanii ti.
Força na busca
Buscai o bem e não o mal. Sede fortalecidos no Senhor. A busca por Deus traz renovação e plenitude de vida.
Rabbii Allaahan mana Israaʼeliin akkana jedha:
"Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;
Rabbii Allaahan mana Israaʼeliin akkana jedha:
"Na barbaaddadhaatii jiraadhaa;
Akka lubbuudhaan jiraattaniif
waan hamaa dhiisaatii waan gaarii barbaadaa.
Yoos akkuma isin jettan sana
Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isin wajjin taʼa.
Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf duʼaa nan godha;
Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa.
isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas
Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
Amantiidhaan malee Allaah gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
Amantiidhaan malee Allaah gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu."
Rabbii Allaahan waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. Rabbii Allaahan Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu."
Hafuurri Rabbii Allaahas jabinaan Saamsoon irra buʼe; innis homaa of harkaa qabaachuu baatu illee akkuma nama ilmoo reʼee tokko cicciruutti leenca saafela sana ciccire. Garuu waan hojjete sana abbaa fi haadha isaatti hin himne.
Saamsoonis akkana jedhee Rabbii Allaah duratti duʼaa godhate; "Rabbii Allaah Gooftaa, na yaadadhu. Yaa Allaah, akka ani ija koo lamaaniif Filisxeemota haaloo baafadhuuf yeroo tokko jabina naa kenni."
Nama amanachuu irra,
Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.
Qondaaltota amanachuu irra,
Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.
Namni niitii argatu waan gaarii argata;
fuula Rabbii Allaah durattis surraa argata.
Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki;
ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda;
abdiin kees hin citu.