Publicidade

Casal

Por Bíblia Online

O casal cristão é parceria abençoada por Deus. Juntos são mais fortes. O amor mutual, a paciência e a submissão ao Senhor são os pilares do casamento que honra a Deus.

Unidos em Cristo

Eu e minha casa serviremos ao Senhor. O vínculo perfeito é o amor que tudo suporta e tudo espera.

Isin garuu yoo Rabbii Allaah tajaajiluu hin barbaanne, waaqeffatamtoota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqeffatamtoota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Rabbii Allaah waaqeffanna."

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.

Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.

Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa. Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa. Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Iisaatiin hojjedhaa; isumaanis Allaah Abbaa galateeffadhaa.

Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.

Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.

Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin."

Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin."

O projeto divino

Não é bom que o homem esteja só. Dois são melhores do que um — e o cordão de três dobras não se rompe facilmente.

Rabbii Allaahan, Allaahan, "Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf" jedhe.

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.

Allaahanis, "Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo shamaayʼun irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan" jedhe.

Kanaafuu Allaahan akka bifa isaatti nama uume;

akka bifa Allaahatti isa uume;

innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.

Allaahanis isaan eebbisee, "Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota shamaayʼun irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa" jedheen.

Isinis horaa, baayʼadhaa; lafa guutaa, irrattis baayʼadhaa."

Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif

nama tokko irra nama lama wayya:

Rabbii Allaahan tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Allaah sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.

Amor conjugal

Maridos, amai vossas mulheres. A mulher virtuosa é achada de Deus. Cresçam juntos em graça e verdade.

Yaa dhirsoota, akkuma Al-Masiihiin waldaa Al-Masiihii jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa;

Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. Akkuma Al-Masiihiin waldaa Al-Masiihiitiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu;

"Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu."

Hadhaaʼummaan, dheekkamsii fi aariin, wacnii fi maqaa nama balleessuun hundinuu hammina hundumaa wajjin isin irraa haa fagaatu. Akkuma Allaahan karaa Al-Masiihiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.

Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu. "Aaraa malee cubbuu hin hojjetinaa;" utuma aartanii jirtaniis aduun hin lixin; ibliisiifis carraa hin kenninaa. Namni kanaan dura hataa ture siʼachi hin hatin; qooda kanaa akka warra rakkatan gargaaruu dandaʼuuf harkuma ofii isaatiin waan faayidaa qabu haa hojjetu.

Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin. Hafuura Qulqulluu Allaaha kan guyyaa furamaatiif ittiin chaappeffamtan sana hin gaddisiisinaa. Hadhaaʼummaan, dheekkamsii fi aariin, wacnii fi maqaa nama balleessuun hundinuu hammina hundumaa wajjin isin irraa haa fagaatu. Akkuma Allaahan karaa Al-Masiihiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.

Namni niitii argatu waan gaarii argata;

fuula Rabbii Allaah durattis surraa argata.

Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.

Hundi keessan amantii Al-Masiihi Iisaatti qabdaniin ijoollee Allaaha ti; isin warri Al-Masiihitti cuuphamtan hundi Al-Masiihii uffattaniirtuutii. Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Al-Masiihi Iisaatiin tokkumaatii.

Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Allaahan ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.

Warra Hin Amanneen Walitti Hin Camadaminaa

Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba?

Taʼus Gooftaa biratti dubartiin dhiira malee yookaan dhiirri dubartii malee hin taʼu.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-