Publicidade

Conversão

Por Bíblia Online

A conversão é o ato de se voltar para Deus — arrependendo-se do pecado e abraçando a graça. É o início de uma vida nova, transformada pelo amor de Cristo.

Arrependei-vos

Arrependei-vos e convertei-vos para que os vossos pecados sejam apagados. A conversão começa com a mudança de mente e coração.

Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Allaahatti deebiʼaa;

Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.

Allaahan bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja.

Iisaan yeroo sanaa jalqabee, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhee lallabuutti kaʼe.

Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa.

Innis, "Barri sun gaʼeera; mootummaan Allaahas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii injiilatti amanaa!" jedhe.

O amor de Deus converte

Céu se alegra por um pecador que se arrepende. Deus não deseja a morte do ímpio, mas que se converta e viva.

Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif shamaayʼun keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.

Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif malaʼikkoonni Allaaha akkasuma ni gammadu."

Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne."

Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!

"Namni hamaan tokko garuu yoo cubbuu hojjete hunda irraa deebiʼee ajajawwan koo hunda eegee, waan qajeelaa fi waan sirrii hojjete inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus.

Lubbuun Cubbuu Hojjettu Ni duuti

Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: "Isin yeroo,

" Abbootiin ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan,

ilkaan ijoollee hadoode

jettanii waaʼee biyya Israaʼel mammaaktan, maal jechuu keessan?

"Ani jiraataadhaatii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan; isin siʼachi mammaaksa kana Israaʼel keessatti hin mammaaktan. Lubbuun hundi kan koo ti; akkuma lubbuun abbaa kan koo taate sana lubbuun sana lubbuun ilmaas kan koo ti. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti.

"Mee nama qajeelaa murtii qajeelaa fi

waan qajeelaa hojjetu tokkotu jira haa jennu.

Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu

yookaan waaqeffatamtoota tolfamoo mana Israaʼel hin abdatu.

Inni niitii ollaa isaa hin xureessu

yookaan dubartii xurii qabdu wajjin hin ciisu.

Inni nama tokko illee hin cunqursu;

garuu waan qabsiisaan liqeeffate ni deebisa.

Inni nama hin saamu;

garuu nyaata ofii isaa nama beelaʼeef kenna;

uffata isaas nama qullaa deemutti uffisa.

Inni hiiqiidhaan namaaf hin liqeessu

yookaan dhala nama irraa hin fudhatu.

Inni waan hamaa hojjechuu irraa of qusata;

nama tokkoo fi nama kaan gidduuttis murtii qajeelaa kenna.

Inni qajeelfama koo duukaa buʼee

seera koos amanamummaadhaan eega.

Namni akkasii qajeelaa dha;

inni dhugumaan ni jiraata,

jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.

"Mee inni ilma jeequmsa kaasu kan dhiiga namaa dhangalaasu yookaan wantoota kanneen fafakkaatan kan biraa hojjetu qaba haa jennu; abbaan wantoota kanneen keessaa tokko illee gochuu baatu iyyuu,

"Ilmi immoo tulluu waaqeffannaa irratti nyaata.

Niitii ollaa isaa xureessa.

Inni hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursa.

Nama saama.

Waan qabsiisaan qabate hin deebisu.

Gara waaqeffatamtoota tolfamoo ilaala.

Wantoota jibbisiisoo hojjeta.

Inni hiiqiidhaan liqeessee dhala fudhata.

Namni akkasii lubbuun ni jiraataa? Hin jiraatu! Inni sababii wantoota jibbisiisoo kanneen hunda hojjeteef dhugumaan ni ajjeefama; dhiigni isaas matuma isaatti deebiʼa.

"Ilmi kun garuu yoo ilma dhalchee, ilmi sun immoo cubbuu abbaan isaa hojjete hunda utuma arguu sodaatee hojjechuu dhiisa haa jennu:

"Inni tulluu waaqeffannaa irratti hin nyaatu

yookaan gara waaqeffatamtoota tolfamoo mana Israaʼel hin ilaalu.

Niitii ollaa isaas hin xureessu.

Nama tokko illee hin cunqursu

yookaan liqii liqeessuuf qabsiisa hin gaafatu.

Inni nama hin saamu;

garuu nyaata ofii nama beelaʼeef kenna;

nama daares daara baasa.

Harka isaa hiyyeeyyii miidhuu irraa eeggata;

hiiqii yookaan dhala hin fudhatu.

Inni seera koo ni eega; ajajawwan koo duukaas ni buʼa.

Inni sababii cubbuu abbaa isaatiif hin duʼu; inni dhugumaan ni jiraata. Abbaan isaa garuu waan nama gowwoomseef, waan obboleessa isaa saamee uummata isaa gidduutti daba hojjeteef cubbuudhuma ofii isaatiin duʼa.

"Isin garuu, Ilmi maaliif cubbuu abbaa isaatiin hin adabamne?jettanii gaafattu. Ilmi sun waan qajeelaa fi sirrii hojjetee ajajawwan koo hundas of eeggannoodhaan eegeef inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata. Lubbuun cubbuu hojjettu ni duuti. Ilmi cubbuu abbaa isaatiin hin adabamu yookaan abbaan cubbuu ilma isaatiin hin adabamu. Qajeelinni nama qajeelaa isumaaf taʼa; hamminni nama hamaas isumatti deebiʼa.

"Namni hamaan tokko garuu yoo cubbuu hojjete hunda irraa deebiʼee ajajawwan koo hunda eegee, waan qajeelaa fi waan sirrii hojjete inni dhugumaan ni jiraata; hin duʼus. Balleessaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isatti hin herregamu. Sababii wantoota qajeelaa hojjeteef inni lubbuudhaan ni jiraata. Ani duʼa hamootaatti nan gammadaa? jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qooda kanaa yoo isaan cubbuu isaanii irraa deebiʼanii lubbuudhaan jiraatan ani hin gammaduu?

"Garuu namni qajeelaan tokko yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjetee wantoota jibbisiisoo namichi hamaan sun hojjechaa ture sana hojjete inni lubbuudhaan ni jiraataa? Waan qajeelaa inni hojjete keessaa tokko iyyuu isaaf hin yaadatamu. Inni sababii amanamuu didee cubbuu hojjeteef ni duʼa.

"Isin garuu, Karaan Gooftaa qajeelaa mitijettu. Yaa mana Israaʼel dhagaʼaa: Karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii? Namni qajeelaan yoo qajeelummaa isaa irraa deebiʼee cubbuu hojjete inni cubbuu sanaan ni duʼa. Inni sababii cubbuu hojjete sanaatiif ni duʼa. Namni hamaan tokko garuu yoo hammina isaa irraa deebiʼee murtii qajeelaa fi waan qajeelaa hojjete inni lubbuu isaa ni oolfata. Inni sababii yakka hojjete hunda hubatee irraa deebiʼeef dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata; hin duʼus. Taʼu illee manni Israaʼel, Karaan Gooftaa qajeelaa mitijedha. Yaa mana Israaʼel, karaan koo qajeelaa dha mitii? Jalʼaan karaa keessan mitii?

"Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan. Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu? Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!

Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.

Transformação

Voltai-vos para mim e sereis salvos! Rasgai o coração e não as vestes. A verdadeira conversão transforma o interior.

Namni hamaan karaa isaa,

namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu.

Inni gara Rabbii Allaahatti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf;

gara Allaah keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.

Ani yakka kee akkuma duumessaa,

cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera.

Ani si fureeraatii,

ati gara kootti deebiʼi."

Cubbuu Irraa Deebiʼaa

"Amma iyyuu garaa guutuudhaan,

soomaan, booʼichaa fi gaddaan

gara kootti deebiʼaa" jedha Rabbii Allaahan.

Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin

garaa keessan tarsaasaa.

Gara Rabbii Allaah keessaniitti deebiʼaa;

inni arjaa fi gara laafessaatii;

inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha;

inni badiisa erguu irraa of qusata.

yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na duratti duʼaa godhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani shamaayʼun irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.

Hisqiyaas Faasiikaa Ayyaaneffate

Hisqiyaas akka isaan Rabbii Allaah Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem, gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah dhufaniif Israaʼelii fi Yihuudaa hundatti ergaa erge; Efreemii fi Minaaseetti immoo xalayaa barreesse. Mootichii fi qondaaltonni isaa akkasumas waldaan Yerusaalem keessa jiru hundi jiʼa lammaffaatti Faasiikaa ayyaaneffachuuf murteessan. Isaan sababii luboonni of qulqulleessan lakkoobsaan gaʼoo hin taʼinii fi sababii namoonni Yerusaalemitti walitti hin qabaminiif yeroo barbaachisaa taʼetti Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Karoorri sunis mootichaa fi waldaa sana guutuu ni gammachiise. Isaanis akka namoonni Rabbii Allaah Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem dhufaniif Bersheebaa hamma Daanitti Israaʼel hunda keessa labsii labsuuf murteessan. Ayyaanni Faasiikaa akka barreeffametti iddoo namoonni hedduun jiranitti ayyaaneffamee hin beekuutii.

Ergamoonnis ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaa fi qondaaltota isaa biraa ergame fuudhanii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa keessa qajeelan; xalayaan sunis akkana jedha:

"Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara Rabbii Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaqii fi Allaah Israaʼelitti deebiʼaa. Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan Rabbii Allaah abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa. Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; Rabbii Allaahatti harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf Rabbii Allaah keessan tajaajilaa. Sababii Rabbii Allaahan keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara Rabbii Allaahatti deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu."

Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis. Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan. Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii Rabbii Allaahatti ajajanii turan sana hojjetaniif harki Allaaha yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture.

Tuunni akka malee guddaan tokko jiʼa lammaffaatti Ayyaana Maxinoo ayyaanessuuf Yerusaalem keessatti walitti qabame. Isaanis iddoowwan aarsaa kanneen Yerusaalem keessa turan bubuqqisanii, iddoowwan aarsaa ixaanaas diiganii geessanii Sulula Qeedroonitti ni gatan.

Guyyaa kudha afuraffaa jiʼa lammaffaattis hoolaa Faasiikaa qalan. Luboonnii fi Lewwonnis qaanaʼanii of qulqulleessuudhaan aarsaa gubamu gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah fidan. Ergasiis akkuma Seera Muusaa nama Allaaha sanaa keessatti ajajametti iddoo isaaniif ramadame ni qabatan. Luboonnis dhiiga Lewwonni isaanitti kennan sana ni faffacaasan. Sababii waldaa sana keessaa namoonni hedduun of hin qulqulleessiniif Lewwonni namoota akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi namoota hoolota isaanii Rabbii Allaahaf qulqulleessuu hin dandaʼin hundaaf jedhanii hoolota Faasiikaa ni qalu turan. Namoota biyya Efreem, Minaasee, Yisaakorii fi Zebuuloonii dhufan hedduu keessaa garri caalu of qulqulleessuu baatan iyyuu isaan waan barreeffameen alatti Faasiikaa nyaatan; Hisqiyaas garuu akkana jedhee Allaah duratti duʼaa godhateef; "Yaa Rabbii Allaah tolaa, nama garaa isaatiin siʼi Rabbii Allaah abbootii isaa barbaaduuf kutate hunda yoo inni akka seera iddoo qulqulluutti qulqullaaʼaa taʼuu baate illee ati araaramiif." Rabbii Allaahanis duʼaa Hisqiyaas dhagaʼee saba sana ni fayyise.

Israaʼeloonni Yerusaalem keessatti argamanii turan gammachuu guddaadhaan bultii torba Ayyaana Maxinoo ayyaaneffatan; Lewwonnii fi luboonni immoo meeshaalee faarfannaa Rabbii Allaahatiin guyyaa guyyaadhaan Rabbii Allaah galateeffachaa turan.

Hisqiyaasis Lewwota waaʼee tajaajila Rabbii Allaah irratti hubannaa gaarii qaban jajjabeessuudhaan itti dubbate. Isaanis bultii torbanuu waan isaaniif qoodame nyaachaa, aarsaa nagaas dhiʼeessaa Rabbii Allaah abbootii isaaniitiif galata galchan.

Waldaan sun guutuun bultii torba itti dabalee ayyaana sana ayyaaneffachuuf walii gale; kanaafuu isaan bultii torba itti dabalanii gammachuudhaan ayyaaneffatan. Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan. Waldaan Yihuudaa hundi, luboota, Lewwotaa fi namoota Israaʼel keessaa walitti qabaman hunda, akkasumas alagoota Israaʼel keessaa dhufanii fi kanneen Yihuudaa keessa jiraatan hunda wajjin ni gammadan. Bara Suleyimaan ilma Daawud mooticha Israaʼel jalqabee waan wanni akkasii Yerusaalem keessatti takkumaa hin taʼiniif Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu taʼe. Ergasiis luboonnii fi Lewwonni kaʼanii saba eebbisan; Allaahanis isaan dhagaʼe; duʼaan isaanii gara Shamaayʼunii, iddoo inni jiraatu qulqulluu sana gaʼeeraatii.

Gara Rabbii Allaahatti Deebiʼuu

Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Zakariyaa nabiiʼiyyicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe:

"Rabbii Allaahan akka malee abbootii keessanitti aaree ture. Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; Gara kootti deebiʼaajedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu; Anis gara keessanitti nan deebiʼaajedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. Isin akka abbootii keessan kanneen nabiiʼiyyoonni durii, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaajedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha Rabbii Allaahan. Abbootiin keessan amma eessa jiru? Nabiiʼiyyoonnis bara baraan jiraatuu? Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo nabiiʼiyyoota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee?

"Ergasii isaan qalbii jijjiirratanii, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkuma gochuuf murteesse sanatti waan karaa keenyaa fi gochawwan keenyaaf malu nutti godhejedhan."

Namicha Mukkeen Kusaayee Gidduu Dhaabate

Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin Rabbii Allaah gara Zakariyaa nabiiʼiyyichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe.

Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture.

Anis, "Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!" jedheen gaafadhe.

Malaʼikkaan natti dubbachaa tures, "Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa" naan jedhe.

Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, "Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif Rabbii Allaahan ergee dha" jedhee naa ibse.

Isaanis, "Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine" jedhanii malaʼikkaa Rabbii Allaah kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan.

Malaʼikkaan Rabbii Allaahas, "Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?" jedhe. Rabbii Allaahanis dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun malaʼikkaa na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate.

Ergasii malaʼikkaan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; "Dubbii kana labsi: Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa; ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.

"Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha: Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfamajedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

"Ammas ittuma fufiitii Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Rabbii Allaahanis Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’ "

Gaanfa Afurii fi Ogeeyyii Harkaa Afur

Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture! Anis, "Kun maali?" jedheen malaʼikkaa natti dubbachaa ture sana gaafadhe.

Innis, "Kunneen gaanfawwan Yihuudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemin gargar bittinneessanii dha" jedhee naaf deebise.

Rabbii Allaahanis ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise. Anis, "Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?" jedheen gaafadhe.

Innis akkana jedhee deebise; "Isaan kunneen gaanfawwan akka namni tokko mataa isaa ol hin qabanneef Yihuudaa bittinneessanii dha; ogeeyyiin hojii harkaa kunneen garuu isaan rifachiisuu fi gaanfawwan saboota uummata ishee bittinneessuuf gaanfawwan isaanii biyya Yihuudaatti ol fudhatan kanneenii balleessuuf dhufan."

Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.

Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.

Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Allaahaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Allaahaf dhiʼeessaa.

Nama Hundumaaf Waan Gaarii Gochuu

Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu.

Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-