Publicidade

O Deus do impossível

Por Bíblia Online

Deus é o Deus do impossível. Para Ele não há nada difícil demais. O que parece impossível aos olhos humanos é perfeitamente possível para o Criador do universo.

Nada é impossível

Para Deus nada é impossível. Ele faz infinitamente mais do que podemos pedir ou imaginar — esse é o nosso Deus.

Iisaanis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.

Iisaanis isaan ilaalee, "Kun garuu Allaahaf malee namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii" jedhe.

Iisaanis, "Wanni namaaf hin dandaʼamne, Allaahaf ni dandaʼama" jedhee deebise.

Mariyaamis, "Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?" jettee malaʼikkaa sana gaafatte.

Malaʼikkaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Allaah Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Allaaha ni jedhama. Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. Wanni Allaahaf hin dandaʼamne hin jiruutii."

Mariyaamis, "Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu" jetteen. Malaʼikkaan sun ishee dhiisee deeme.

Kana irratti Rabbii Allaahan Ibraahimiin akkana jedhe; "Saaraan maaliif, Ani ergan dulloomee booddee amma dhugumaan mucaa nan daʼaa?jettee kolfite? Wanni Rabbii Allaahaf hin dandaʼamne tokko iyyuu jiraa? Ani bara dhufu keessa yeroo murteeffametti deebiʼee gara kee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi."

"Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka;

karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.

"Rabbii Allaah Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan shamaayʼuniiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.

Fé no impossível

Se tiverdes fé como um grão de mostarda... Os impossíveis de Deus são convites ao exercício da fé audaciosa.

Innis akkana jedhee deebise; "Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, Asii kaʼii achi darbijechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [

Iisaanis, " Yoo dandeessejettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.

Kanaafuu ani isinittin hima; waan duʼaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.

Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Yeroo sanatti wanni kun hambaa saba kanaatiif dinqii taʼu dandaʼa; anaaf garuu kun dinqii taʼuu dandaʼaa?" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;

hubannaan isaas dhuma hin qabu.

Namicha kana Allaahatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. Allaahan garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-