Pular para o conteúdo
Publicidade

Domínio próprio

Por Bíblia Online

O domínio próprio é fruto do Espírito e marca de maturidade espiritual. A Bíblia ensina que quem governa o próprio espírito é melhor do que quem conquista uma cidade.

Fruto do Espírito

O fruto do Espírito inclui domínio próprio. A graça de Deus nos ensina a viver de maneira sóbria e justa neste mundo.

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

Ayyaanni Allaaha kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. Ayyaanni kunis Allaah malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Allaahatti buluu akka jiraannu nu barsiisa; kunis yommuu nu abdii keenya isa eebbifamaa jechuunis mulʼachuu ulfina Allaah keenya guddichaatii fi Fayyisaa keenya Iisaa Al-Masiihi eeggachaa jirrutti taʼa;

Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

Sababuma kanaaf amantii keessan irratti gaarummaa, gaarummaa irrattis beekumsa dabalachuuf waan isinii dandaʼame hunda godhaa; akkasuma beekumsa irratti of qabuu, of qabuu irratti obsaan dhaabachuu, obsaan dhaabachuu irratti Allaahatti buluu, Allaahatti buluu irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa irratti immoo jaalala dhugaa dabaladhaa.

Governar a si mesmo

Melhor é o que domina o seu espírito do que o que toma uma cidade. A cidade sem muros é o homem sem domínio próprio.

Goota waraanaa irra nama obsa qabu,

nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.

Namni of hin qabne,

akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.

Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna;

ogeessi garuu of qaba.

Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu;

namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.

Barbaachisummaa Naamusa Dhuunfaa

Dorgommii fiigichaa keessatti akka warri fiigan hundinuu dorgoman, garuu akka namni tokko qofti badhaasa argatu hin beektanii? Isinis akkasuma akka badhaasa argattaniif fiigaa! Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona. Kanaafuu ani akka nama kaayyoo malee fiiguutti hin fiigu; akka nama qilleensa rukutuutti hin lolu. Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.

Yoo of qabuu dadhaban garuu haa fuudhan yookaan haa heeruman; hawwiin gubachuu irra fuudhuu yookaan heerumuu wayyaatii.

Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Allaahanis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.

Disciplina e vigilância

Sede sóbrios e vigilantes. O diabo anda em derredor como leão rugidor. A sobriedade nos protege e fortalece.

Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Ibliis diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii. Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.

Dhuma Waan Hundumaa

Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Allaah duratti duʼaa gochuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa.

Allaahaf Jiraachuu

Kanaafuu waan Al-Masiihiin foon isaatiin dhiphateef isinis yaaduma akkasiitiin hidhadhaa; sababiin isaas inni fooniin dhiphate cubbuu dhiiseera. Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Allaahatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu. Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqeffatamtoota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu. Isaanis sababii isin gara jireenya gad dhiisii akkasiitti isaan wajjin hin fiigneef ni dinqisiifatu; isin arrabsus. Garuu isaan Allaah warra jiranii fi warra duʼanitti muruuf qophaaʼe sana duratti deebii ni kennu.

tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu; kunis akka ormoota Allaah hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;

O senhorio de Cristo

Todo domínio pertence a Cristo. Ele é Senhor dos senhores e Rei dos reis — e nos capacita a viver em santidade.

Uumamawwan bulchiinsa isaa

jala lafa hunda jirtan hundi Rabbii Allaah eebbisaa.

Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi.

Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;

bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.

Rabbii Allaahan dubbii isaa hundaan amanamaa dha;

hojii isaa hundaanis arjaa dha.

"Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa shamaayʼuniitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan. Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.

Mallattoowwanii fi hojiiwwan dinqii kanneen Allaahan Waan Hundaa Olii naaf godhe isinitti himuun na gammachiisa.

Mallattoowwan isaa akkam gurguddaa dha;

dinqiin isaas akkam jabaa dha!

Mootummaan isaa mootummaa bara baraa ti;

bulchiinsi isaas dhalootaa hamma dhalootaatti jabaatee dhaabata.

Mucaan nuuf dhalateera;

ilmi nuuf kennameera;

mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.

Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Allaah Jabaa,

Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa

jedhamee ni waamama.

Babalʼinni mootummaa isaatii fi

nagaan isaa dhuma hin qabu.

Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan

hundeessee jabeessee dhaabuudhaan

yeroo sanaa jalqabee bara baraan

teessoo Daawud irra taaʼee mootummaa isaa bulcha.

Hinaaffaan Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuus

waan kana ni raawwata.

Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.

kan inni ittiin Al-Masiihii warra duʼan keessaa kaasee shamaayʼun irratti mirga ofii teessise sana mulʼisee dha; isas ol aantummaa, taayitaa, humna, gooftummaa hundaa fi bara ammaa qofa utuu hin taʼin bara dhufuuf jiru keessa illee maqaa kennamu hundaa olitti mirga ofii teessise.

Nu garuu biyyi keenya shamaayʼun irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Iisaa Al-Masiihi eegganna; innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.

Al-Masiihiin warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu.

Warri akka fooniitti jiraatan Allaah gammachiisuu hin dandaʼan.

Isin garuu yoo Hafuurri Allaaha isin keessa jiraate akka Hafuuraatti jiraattu malee akka fooniitti hin jiraattan. Eenyu iyyuu yoo Hafuura Al-Masiihii qabaachuu baate inni kan Al-Masiihii miti.

Akkuma hundinuu Aadamiin duʼan, hundinuu Al-Masiihiin jiraatoo ni taasifamuutii. Kun hundinuus yeroo dabaree isaatti ni taʼa; Al-Masiihi hangafticha, ergasii immoo yeroo inni deebiʼee dhufutti warra kan Al-Masiihii taʼan. Innis erga bulchiinsa hunda, taayitaa fi humna hunda balleessee booddee, yeroo Allaah Abbaatti mootummaa dabarsee kennutti dhumni ni taʼa. Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii.

"Mootummaa fi sodaatamuun kan Allaaha ti;

inni shamaayʼuniiwwan ol fagoo keessatti nagaa buusa.

Seja o primeiro