Pular para o conteúdo
Publicidade

Família de Deus

Por Bíblia Online

A família de Deus transcende laços de sangue. Em Cristo, somos adotados como filhos, irmãos uns dos outros e membros de uma família eterna — a Igreja.

Adotados por Deus

Recebemos o espírito de adoção pelo qual clamamos: Abba, Pai! Se filhos, também herdeiros — herdeiros de Deus e co-herdeiros com Cristo.

Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne. Akka nu ijoollee Allaaha taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana. Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Allaaha ti; Al-Masiihii wajjinis ni dhaalla.

Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Allaahan Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf. Sababii isin ilmaan taataniifis Allaahan Hafuura Ilma isaa kan, "Aabbaa, yaa Abbaa" jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge. Kanaaf ati siʼachi ilma malee garba miti; erga ilma taatee immoo Allaahan dhaaltuu si taasiseera.

Hundi keessan amantii Al-Masiihi Iisaatti qabdaniin ijoollee Allaaha ti; isin warri Al-Masiihitti cuuphamtan hundi Al-Masiihii uffattaniirtuutii. Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Al-Masiihi Iisaatiin tokkumaatii.

akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Iisaa Al-Masiihiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse; kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf.

Duʼaa Warra Efesooniif Godhame

Sababii kanaaf ani fuula Abbaa duratti nan jilbeenfadha; maatiin isaa warri shamaayʼun irraa fi warri lafa irraa hundinuu maqaa isaanii isa irraa argatu.

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Allaaha taʼaniif mirga kenne. Isaanis Allaah irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.

A comunidade de fé

Não abandonem a congregação. Somos um corpo em Cristo, membros uns dos outros, chamados a amar e a servir.

Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Allaahan akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti. Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree! Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Allaahan garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba.

akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Al-Masiihiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

Yoo kutaan dhagnaa tokko rakkate kutaawwan hundinuu isa wajjin rakkatu; yoo kutaan tokko ulfina argate kutaawwan hundi isa wajjin gammadu.

Kanaafuu isin siʼachi saba Allaaha wajjin lammii fi miseensota warra mana Allaaha jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti; isin hundee ergamootaa fi nabiiʼiyyootaa irratti ijaaramtaniirtu; Al-Masiihi Iisaan ofii isaatii mataa dhagaa golee ti. Karaa isaas ijaarsi sun guutuun tokkummaan wal qabatee mana qulqullummaa qulqulluu taʼuuf Gooftaadhaan guddata. Isinis isumaan mana Allaahan Hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii tokkummaadhaan ijaaramaa jirtu.

Quem é minha família?

Jesus disse: quem faz a vontade de Deus, esse é meu irmão e irmã. A família de Deus inclui todos os que creem.

Inni immoo, "Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?" jedhee gaafate.

Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; "Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti! Namni fedhii Allaaha raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis."

Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata.

Ijoollee Ibliis

Iisaanis akkana isaaniin jedhe; "Isin utuu Allaahan abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Allaah biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.

Maanguddootaa fi Dargaggoota

Nama dulloome tokko akka waan inni abbaa kee taʼeetti gorsi malee hin ifatin. Dargaggootas akka obbolootaatti ilaali; dubartoota dullooman akka haadhotiitti, dubartoota shamarran akka obboleettotaatti qulqullummaa guutuun ilaali.

Nu akka ijoollee Allaaha jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku. Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Allaaha ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.

Kanaaf kottaa, carraa qabnuun nama hundaaf, keessumattuu warra maatii amantootaa taʼaniif waan gaarii goonaa.

Seja o primeiro