Pular para o conteúdo
Publicidade

Família

Por Bíblia Online

A família é a primeira instituição criada por Deus. Ele a projetou para ser escola de amor, fé e formação de caráter. A Bíblia honra a família e nos ensina a cuidar dela.

Eu e minha casa

Eu e minha casa serviremos ao Senhor. A família que serve a Deus juntos permanece unida e fortalecida em todas as circunstâncias.

Isin garuu yoo Rabbii Allaah tajaajiluu hin barbaanne, waaqeffatamtoota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqeffatamtoota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Rabbii Allaah waaqeffanna."

Isin garuu yoo Rabbii Allaah tajaajiluu hin barbaanne, waaqeffatamtoota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqeffatamtoota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Rabbii Allaah waaqeffanna."

Isaanis deebisanii, "Gooftaa Iisaatti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii" jedhan.

Rabbii Allaahan keenya akkuma abbootii keenya wajjin ture sana nu wajjin haa jiraatu; inni yoom iyyuu nu hin dhiisin yookaan nu hin gatin.

Criar os filhos

Instrui a criança no caminho em que deve andar. O lar é a primeira escola de fé e obediência.

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu

Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,

morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.

Akeekkachiisa Waaʼee Ejjaa Irratti Kenname

Yaa ilma ko, ajaja abbaa keetii eegi;

barsiisa haadha keetii illee hin gatin.

Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan. Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.

Ijoollee fi Warra Isaanii

Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha;

Honrar e amar

Honra teu pai e tua mãe. A família funciona com perdão, paciência e amor incondicional entre todos os seus membros.

Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

Akka biyya Rabbii Allaahan kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.

abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu."

Wal Hiikuu Dhirsaa fi Niitii

Iisaan erga dubbii kana dubbatee fixatee booddee, Galiilaadhaa kaʼee gama Yordaanos gara biyya Yihuudaa dhaqe. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; innis achitti isaan fayyise.

Fariisonni tokko tokkos isa qoruuf gara isaa dhufanii, "Namni tokko waanuma argeen niitii isaa hiikuun ni eeyyamamaa?" jedhanii gaafatan.

Iisaanis akkana jedhee deebise; "Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume hin dubbifnee? Inni akkana jedhe; Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu. Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin."

Isaanis, "Yoos Muusaan maaliif akka namni tokko waraqaa ragaa hiikkaa kenneefii niitii isaa of irraa geggeessu ajaje ree?" jedhanii isa gaafatan.

Iisaanis akkana jedhee deebise; "Muusaan sababii mata jabina keessaniitiif jedhee akka isin niitota keessan hiiktan isiniif eeyyame. Jalqabatti garuu akkana hin turre. Ani isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata."

Barattoonni isaas, "Haalli dhirsaa fi niitii akkana taanaan fuudhuu dhiisuu wayya" jedhaniin.

Iisaanis akkana jedheen; "Waan kana warra isaaniif kenname qofa malee namni hundi fudhachuu hin dandaʼu. Warri xuʼaashii taʼanii gadameessa haadha isaaniitii dhalatan jiruutii; warri harka namaatiin xuʼaashii taʼanis jiru; kanneen mootummaa shamaayʼuniitiif jedhanii xuʼaashii of taasisanis jiru; namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu."

Iisaan Daaʼimman Xixinnoo Eebbise

Ergasii akka inni harka isaan irra kaaʼee duʼaa isaaniif godhuuf ijoollee xixinnoo Iisaatti fidan. Barattoonni garuu isaan ifatan.

Iisaanis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan shamaayʼun kan warra akkanaatii" jedhe. Innis erga harka isaa isaan irra kaaʼee booddee achii deeme.

Dargaggeessa Sooressa Tokko

Kunoo namichi tokko gara Iisaa dhufee, "Yaa barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanni gaariin ani gochuu qabu maali?" jedhee gaafate.

Iisaan immoo, "Ati maaliif waaʼee waan gaarii na gaafatta? Gaariin Isa Tokkicha qofatu jira. Ati yoo jireenyatti galuu barbaadde ajajawwan eegi" jedhee deebise.

Namichis, "Ajajawwan kami?" jedhee gaafate.

Iisaan immoo akkana jedhee deebise; " Hin ajjeesin; hin ejjin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha kee kabaji; ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu."

Dargaggeessi sunis, "Ani ajajawwan kanneen hunda eegeera. Yoos maaltu amma iyyuu na duraa hirʼata ree?" jedheen.

Iisaanis, "Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; shamaayʼun keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi" jedhee deebiseef.

Dargaggeessi sunis yommuu waan kana dhagaʼetti gaddee achii deeme; inni qabeenya guddaa qaba tureetii.

Iisaanis barattoota isaatiin akkana jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa shamaayʼuniitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha. Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Allaahatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata."

Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, "Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?" jedhanii gaafatan.

Iisaanis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Allaahaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.

Kana irratti Phexros, "Kunoo, nu waan hunda dhiifnee si duukaa buuneerra! Egaa maal arganna ree?" jedhee deebise.

Iisaan immoo akkana isaaniin jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa haaraa keessatti, yeroo Ilmi Namaa teessoo isaa ulfina qabeessa sana irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutanis akkasuma teessoowwan kudha lama irra teessanii gosoota Israaʼel kudha lamaanitti murtu. Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala. Garuu warri jalqabaa hedduun warra dhumaa ni taʼu; warri dhumaa hedduun immoo warra jalqabaa ni taʼu.

Akkuma Allaahan karaa Al-Masiihiin dhiifama isinii godhe sana, isinis dhiifama walii godhaa; walii naʼaa; garaas walii laafaa.

Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.

Namni, "Ani Allaah nan jaalladha" jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Allaah hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu.

Cuidar da família

Quem não cuida dos seus negou a fé. A família é responsabilidade sagrada — prover, proteger e abençoar é mandamento divino.

Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.

Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.

Garuu haati hiyyeessaa tokko yoo ijoollee yookaan akkoowwan qabaatte ijoolleen kunneen maatii isaanii gargaaruu fi warra isaaniitiif gatii deebisuudhaan amantii isaanii hojiin mulʼisuuf duraan dursanii barachuu qabu; kun Allaah gammachiisaatii.

Gargar Baʼuu Waldaa Kiristaanaa

Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin isin kadhadha.

Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;

iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,

akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.

Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.

Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.

Jaalalli Rabbii Allaah garuu bara baraa hamma bara baraatti

warra isa sodaatan wajjin ni jiraata;

qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

warra kakuu isaa eeganitti,

warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.

Jaalalli Rabbii Allaah garuu bara baraa hamma bara baraatti

warra isa sodaatan wajjin ni jiraata;

qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;

warra kakuu isaa eeganitti,

warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.

Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,

akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!

Unidade familiar

A coroa dos velhos são os filhos dos filhos. O casamento, os filhos e a comunhão familiar são bênçãos de Deus.

Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;

haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.

Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;

haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.

Michuun yeroo hunda nama jaallata;

obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.

Namni michoota baayʼisu ni bada;

garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin;

yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin;

obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.

Jecha kudha afraffaa

Yaa ilma ko, yoo garaan kee ogeessa taʼe,

garaan koo ni gammada;

Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba;

namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.

Fakkeenyawwan Suleyimaan:

Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;

ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.

Hojii kee kan diidaa raawwadhuutii

lafa qotiisaa kees qopheeffadhu;

ergasii mana kee ijaarradhu.

Namni doqni maatii isaatti rakkina fida;

kan mattaʼaa jibbu garuu ni jiraata.

Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala;

gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.

Casamento e família

O homem deixará pai e mãe e se unirá à sua mulher. A família começa no casamento — aliança sagrada diante de Deus.

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

Allaahanis isaan eebbisee, "Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota shamaayʼun irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa" jedheen.

Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Allaahan aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.

Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Allaahan, Dhiiraa fi dubartii isaan taasise. Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu. Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Allaahan tokko taasise namni gargar hin baasin."

Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!"

"Haati daaʼima ishee kan hoosiftu

irraanfachuu ni dandeessii?

Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu?

Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!

Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera;

dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.

Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Allaaha ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna. Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.

Seja o primeiro