Publicidade

Filho de Deus

Por Bíblia Online

Jesus é o Filho de Deus — a revelação suprema do Pai. Nele habita toda a plenitude da divindade e por Ele temos acesso ao Pai, à salvação e à vida eterna.

A revelação do Filho

O Filho é o resplendor da glória de Deus. Quem vê o Filho vê o Pai. Jesus é a imagem perfeita do Deus invisível.

Ilmi calaqqisa ulfina Allaaha ti; eenyummaa Allaahas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee shamaayʼun irra mirga Allaah ulfina qabeessa sanaa taaʼe. Akkuma maqaan inni dhaale sun kan malaʼikkootaa caalaa guddaa taʼe sana innis malaʼikkoota caalaa guddaa dha.

Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.

Eenyu iyyuu takkumaa Allaah hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.

Iisaan garuu, "Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira" isaaniin jedhe. Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Allaahan of qixxeessuudhaan Allaah iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.

Confissão e fé

Tu és o Cristo, o Filho do Deus vivo! Quem confessa que Jesus é o Filho de Deus, Deus permanece nele.

Phexros Eenyummaa Al-Masiihii Beeksise

Iisaan yeroo gara biyya Fiiliphoos Qiisaariyaa dhufetti, "Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?" jedhee barattoota isaa gaafate.

Isaanis, "Namoonni tokko tokko inni Yahyaa dha jedhu; warri kaan inni Iliyaas jedhu; kaan immoo inni Ermiyaas yookaan nabiiʼiyyoota keessaa isa tokko dha jedhu" jedhanii deebisan.

Innis, "Isin hoo? Eenyu anaan jettu?" jedhee gaafate.

Simoon Phexrosis, "Ati Al-Masiihii, Ilma Allaah jiraataa ti" jedhee deebise.

Iisaanis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma shamaayʼuniin banamee, utuu Hafuurri Allaaha akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge. Sagaleen tokkos shamaayʼun irraa, "Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada" jedhe.

Yoo namni kam iyyuu Iisaan Ilma Allaaha akka taʼe dhugaa baʼe, Allaahan isa keessa jiraata; innis Allaah keessa jiraata.

Allaahan akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Allaaha nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.

Namni cubbuu hojjetu kan ibliis; ibliis jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Allaaha hojii ibliis diiguudhaaf mulʼateetii.

Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Allaaha hin qabne immoo jireenya hin qabu.

Vida no Filho

Deus enviou seu Filho ao mundo para que vivêssemos por Ele. O Filho dá vida, julga e reconcilia os pecadores com o Pai.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna. Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera; kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Allaaha dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu. Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii.

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Allaaha taʼaniif mirga kenne. Isaanis Allaah irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.

Ani Al-Masiihii wajjin fannifameera; siʼachi Al-Masiihiitu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Allaaha isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Allaahan Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf. Sababii isin ilmaan taataniifis Allaahan Hafuura Ilma isaa kan, "Aabbaa, yaa Abbaa" jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge.

Nu utuu diinota Allaaha taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!

Mucaan nuuf dhalateera;

ilmi nuuf kennameera;

mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.

Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Allaah Jabaa,

Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa

jedhamee ni waamama.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-