Mentira
A mentira é condenada pela Bíblia como pecado grave. Deus é verdade, e quem mente se alinha com o pai da mentira. O cristão é chamado a falar a verdade em amor.
Deus odeia a mentira
Os lábios mentirosos são abominação para o Senhor. A Bíblia adverte que todo mentiroso terá parte no lago de fogo.
Rabbii Allaahan arraba sobu ni jibba;
warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
Garuu qoodni sodaattotaa, kan warra amantii hin qabnee, kan xuraaʼotaa, kan warra nama ajjeesanii, kan halaleewwanii, kan warra falfala hojjetanii, kan warra waaqeffatamtoota tolfamoo waaqeffataniitii fi kan sobduuwwan hundaa haroo ibiddaatii fi dinyii bobaʼuu keessa taʼa; kunis duʼa lammaffaa ti."
Rabbii Allaahan waan jaʼa jibba;
waan torba immoo ni xireeffata; isaanis:
Ija of tuulu,
arraba sobu,
harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu,
garaa mala hamaa malu,
miilla gara jalʼinaatti ariifatu,
dhuga baatuu sobaa kan soba dhangalaasu,
nama obboloota gidduutti lola kakaasuu dha.
Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii
Falar a verdade
Despojai-vos da mentira e falai a verdade cada um com o próximo. Cristo é a verdade, e nos chama a ser testemunhas fiéis.
Kanaafuu waan nu hundi miseensa walii taaneef tokkoon tokkoon keessan soba of keessaa baastanii ollaa keessanitti dhugaa dubbachuu qabdu.
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee ibliis; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;
namni soba odeessus ni bada.
Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu
mana koo keessa hin jiraatu;
namni soba dubbatu tokko iyyuu
fuula koo dura hin dhaabatu.
Consequências da falsidade
A mentira destrói confiança e relacionamentos. As Escrituras alertam sobre os frutos amargos do engano e da falsidade.
Qabeenyi arraba sobuun argamu,
urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti.
Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;
arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.
Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba;
afaan saadu tokkos badiisa fida.
Ati warra soba dubbatan ni balleessita.
Rabbii Allaahan warra dhiiga dheebotanii fi
warra nama gowwoomsan ni xireeffata.
" ‘Hin hatinaa.
" ‘Hin sobinaa.
" ‘Walis hin gowwoomsinaa.