A mulher virtuosa
A mulher virtuosa de Provérbios 31 é um retrato de excelência. Seu valor excede o de rubis — ela é sábia, trabalhadora, generosa e teme ao Senhor acima de tudo.
Uma joia rara
Mulher virtuosa, quem a achará? Seu valor excede o de rubis. Ela é o coração da família e a força do lar.
Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?
Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?
Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
Dhirsi ishee guddisee ishee amanata;
inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.
Isheen bara jireenya ishee guutuu
waan gaarii isaaf fiddi malee isa hin miitu.
Isheen suufii fi quncee talbaa barbaaddee
harka ishee kan hojii jaallatuun footi.
Isheen akkuma doonii daldalaatti
lafa fagoodhaa nyaata ishee fidatti.
Isheen utuu lafti hin bariʼin hirribaa kaatee
maatii isheetiif nyaata kenniti;
xomboreewwan isheefis hojii qooddi.
Isheen lafa qotiisaa hubattee ilaaltee bitti;
waan hojjettee argattu keessaa wayinii dhaabdi.
Isheen jabinaan mudhii ishee hidhattee
hojiidhaaf irree ishee jabeeffatti.
Isheen akka daldalli ishee buʼaa qabu hubatti;
ibsaan ishees halkaniin hin dhaamu.
Mukni itti jirbii maran harka ishee keessa jira;
quba isheetiin immoo calii qabatti.
Isheen hiyyeessaaf harka hiixatti;
dhabaadhaaf illee harka balʼifti.
Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;
niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
Ammas yaa intala koo hin sodaatin. Ani waan ati gaafattu hunda siif nan godha. Sabni magaalaa koo keessa jiraatu hundi akka ati dubartii amala gaarii qabdu taate ni beeka.
Caráter acima da aparência
Enganosa é a graça e vã é a formosura, mas a mulher que teme ao Senhor será louvada. A verdadeira beleza é interior.
Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;
dubartiin Rabbii Allaah sodaattu garuu galateeffamtuu dha.
Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada; isaanis akkuma dubartoota, "Nu Allaah sodaanna" jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan.
Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;
gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;
niitii qalbii qabdu garuu Rabbii Allaahatu namaaf kenna.
Akkasuma immoo jaartoliin akka jireenya isaaniitiin kabajamoo taʼan, akka waan gaariis barsiisan malee akka maqaa nama hin balleessine yookaan akka dhugaatii daadhii wayinii baayʼeetiin hin fudhatamne isaan barsiisi. Yoos isaan akka dubartoonni shamarran dhirsoota isaanii fi ijoollee isaanii jaallatan barsiisuu ni dandaʼu; akka dubbiin Allaaha hin tuffatamneefis akka of qaban, akka qulqullaaʼan, akka hojii mana keessaatiin qabaman, akka arjoota taʼan, akka dhirsoota isaaniitiif ajajaman ni barsiisu.