Nascer de novo
Nascer de novo é a porta de entrada para a vida em Deus. Jesus ensinou que sem o novo nascimento espiritual, ninguém pode ver nem entrar no Reino de Deus.
A necessidade do novo nascimento
Jesus declarou a Nicodemos: 'Aquele que não nascer de novo não pode ver o Reino de Deus.' O novo nascimento é pelo Espírito.
Iisaanis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Allaaha arguu hin dandaʼu" jedheen.
Iisaanis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Allaaha arguu hin dandaʼu" jedheen.
Niqoodemoos immoo, "Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?" jedhee gaafate.
Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Allaahatti galuu hin dandaʼu. Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura. Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’ Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma."
Iisaanis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Allaahatti galuu hin dandaʼu. Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura. Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’
Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Allaaha hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu."
Nama Mootummaa Shamaayʼun Keessatti Nama Hunda Caalu
Yeruma sana barattoonni gara Iisaa dhufanii, "Yoos mootummaa shamaayʼun keessatti kan hundumaa caalu eenyu?" jedhanii gaafatan.
Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa shamaayʼuniitti hin galtan. Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti nama hunda caala.
Nova criação em Cristo
Quem está em Cristo é nova criação. Morremos e ressuscitamos com Ele para viver em novidade de vida, livres do velho homem.
Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
Kanaafuu akkuma Al-Masiihiin ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin qabbaramne.
Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.
Kanaafuu akkuma Al-Masiihiin ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin qabbaramne.
Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Al-Masiihi Iisaadhaan garuu akka Allaahaf jiraattota taatanitti of hedaa.
Ani Al-Masiihii wajjin fannifameera; siʼachi Al-Masiihiitu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Allaaha isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.
Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Allaahatiin uumame sana uffadhaa.
Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu. Sababii kanaaf, nama Giriik yookaan Yihuudii, nama dhagna qabate yookaan kan dhagna hin qabatin, nama wallaalaa, nama jireenya isaa hin qajeelfatin, garba yookaan birmaduu jechuun hin jiru; Al-Masiihiin garuu hunduma; hunduma keessas jira.
Filhos de Deus
Nascemos de novo pela Palavra viva de Deus. Quem crê em Jesus recebe o direito de se tornar filho de Deus, nascido do Espírito.
Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Allaaha taʼaniif mirga kenne. Isaanis Allaah irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.
Abdii Jiraataadhaaf Allaah Galateeffachuu
Allaaha fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Iisaa Al-Masiihiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche; akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis shamaayʼun keessa isinii kaaʼameera;
Isin karaa dubbii Allaaha isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.
Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa; isin gaarummaa Gooftaa dhandhamattaniirtuutii.
Nu akka ijoollee Allaaha jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku. Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Allaaha ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.
Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Allaahan Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf.
Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf. Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Allaah isaanii nan taʼa.
Garuu Allaahan araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Al-Masiihii wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.