Pular para o conteúdo
Publicidade

Nova criatura

Por Bíblia Online

Em Cristo somos nova criação. O velho se foi, tudo se fez novo. A transformação não é reforma — é renascimento completo pelo poder do Espírito Santo.

Novas criaturas em Cristo

Se alguém está em Cristo, nova criação é. As coisas velhas passaram e eis que tudo se fez novo. A transformação é radical e total.

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Uumama haaraa taʼuutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.

Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Allaahan duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Al-Masiihi Iisaatiin uumamne.

Inni teessoo sana irra taaʼes, "Kunoo, ani waan hundumaa nan haaromsa!" jedhe; innis, "Dubbiin kun waan amanamaa fi dhugaa taʼeef, kana barreessi" naan jedhe.

Despir o velho e vestir o novo

Somos chamados a despir o velho homem e vestir o novo, criado segundo Deus em justiça e santidade provenientes da verdade.

Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Allaahatiin uumame sana uffadhaa.

Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.

Kanaafuu akkuma Al-Masiihiin ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin qabbaramne.

Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.

Ani Al-Masiihii wajjin fannifameera; siʼachi Al-Masiihiitu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Allaaha isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Coração e Espírito novos

Deus promete dar um coração novo e um espírito novo. Pelo novo nascimento somos feitos participantes da natureza divina.

Ani garaa gargar hin qoodamne isaaniif nan kenna; hafuura haaraas isaan keessa nan kaaʼa; garaa isaanii isa dhagaa isaan keessaa baasee garaa foonii nan kennaaf. Isaanis sirna koo duukaa buʼu; seera kootiifis ni ajajamu. Isaan saba koo ni taʼu; anis Allaah isaanii nan taʼa.

Iisaanis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Allaaha arguu hin dandaʼu" jedheen.

Kennaa kanaanis isin badiisa sababii hawwii hamaatiin addunyaa keessa jiru jalaa baatanii akka amala Allaah taʼuu isaa sana keessatti hirmaattaniif jedhee karaa kennaa kanaatiin waadaa isaa guddaa fi kan gatii guddaa qabu nuuf galeera.

"Wantoota durii irraanfadhaa;

waan darbettis hin cichinaa.

Kunoo, ani waan haaraa tokko nan hojjedhaa!

Innis amma ni biqila; isin hin hubattanii?

Ani gammoojjii keessatti karaa nan qopheessa;

lafa onaa keessattis burqaa nan burqisiisa.

Seja o primeiro