Poder de decisão
Deus nos deu o poder de escolher. A Bíblia mostra que nossas decisões têm consequências eternas e nos chama a escolher sabiamente — a vida, a fé e o caminho de Deus.
A responsabilidade de escolher
Escolhei hoje a quem servireis. Cada decisão molda nosso destino, e Deus nos convida a escolher o caminho da vida e da obediência.
Isin garuu yoo Rabbii Allaah tajaajiluu hin barbaanne, waaqeffatamtoota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqeffatamtoota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Rabbii Allaah waaqeffanna."
Yushuʼaanis deebisee, "Isin akka Rabbii Allaah tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu" jedheen.
Isaanis deebisanii, "Eeyyee, nu dhugaa baatota" jedhan.
"Kanaafuu yaa mana Israaʼel, ani tokkoo tokkoo keessanitti akkuma hojii keessaniitti nan mura, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaa! Yakka keessan hunda irraa deebiʼaa; yoos isin cubbuudhaan hin baddan. Daba natti hojjettan hunda of irraa gataatii garaa haaraa fi hafuura haaraa qabaadhaa. Yaa mana Israaʼel isin maaliif duutu? Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!
Akka ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa hin taʼin ani hojii kee beeka! Ani utuu ati qabbanaaʼaa yookaan hoʼaa taatee silaa nan hawwa ture. Kanaafuu ati waan laphii taateef, hoʼaa yookaan qabbanaaʼaa waan hin taʼiniif ani afaan kootii si tufuu gaʼeera.
Decisões e consequências
Deus retribuirá a cada um segundo as suas obras. As Escrituras nos alertam que a mornidão espiritual e a resistência ao Espírito têm consequências sérias.
Allaahan, "Nama hundaaf akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kenna." Inni warra obsaan waan gaarii hojjechaa kabaja, ulfinaa fi jireenya hin dabarre barbaadaniif jireenya bara baraa ni kenna. Warra ofittoo kanneen dhugaadhaaf ajajamuu didanii hammina duukaa buʼan garuu dheekkamsaa fi aariitu isaan eeggata.
"Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.
Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
Yommuu fedhii Allaaha raawwattanittis akka waan inni waadaa gale sana argattaniif obsuu isin barbaachisaatii.
"Yeroo xinnoo keessatti,
inni dhufuuf jiru ni dhufa;
hin turus."
Akkasumas,
"Qajeelaan koo garuu amantiidhaan jiraata.
Kan duubatti harkifatu immoo
ani itti hin gammadu."
Nu garuu warra amananii lubbuu ofii oolfatan malee warra gara badiisaatti harkifatan miti.
Decisão e fé
Decida com fé, entregue seus planos ao Senhor e aja com determinação. Deus guia os passos de quem se achega a Ele de coração.
Ixaan gudeeda irratti buufama;
murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Rabbii Allaah biraa dhufa.
Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;
garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Rabbii Allaah ti.
Waan hojjettu hunda Rabbii Allaahatti kennadhu;
karoorri kees siif milkaaʼa.
Sababii Rabbii Allaahan Gooftaan na gargaaruuf,
ani hin salphifamu.
Kanaafuu ani fuula koo akkuma dhagaa gurraachaa godhadheera;
ani akka hin qaaneffamne illee nan beeka.
Namni fedhii Allaaha gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Allaah biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.
Isaan saba koo taʼu; anis Allaah isaanii nan taʼa. Ani akka isaanittii fi ijoollee isaanii kanneen isaan booddeettis jireenyi toluuf jedhanii akka bara baraan na sodaataniif garaa tokkoo fi karaa tokko isaaniifin kenna.
Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
Kanaafuu Allaahaf bulaa. Ibliisiin immoo mormaa; innis isin baqataa. Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.