Publicidade

Proximidade

Por Bíblia Online

Deus é próximo dos que o buscam. Ele não é um Deus distante, mas presente, íntimo e acessível a todo o que o invoca com sinceridade de coração.

Buscar a presença de Deus

A Bíblia nos exorta a buscar a face do Senhor continuamente. Quem se aproxima dele encontra plenitude de alegria e delícias perpétuas.

Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;

yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.

Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;

yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.

Yeroo inni argamutti Rabbii Allaah barbaaddadhaa;

yeroo inni dhiʼoo jiruttis isa waammadhaa.

Ani waan tokko Rabbii Allaah duratti duʼaa nan godhadha;

waan kanas nan barbaada:

Kunis bara jireenya kootii guutuu

mana Rabbii Allaah keessa jiraachuu,

miidhagina Rabbii Allaah ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa

keessatti isa duʼaa gochuu dha.

Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,

guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;

dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,

eegduu balbala mana Allaah koo taʼuu naa wayya.

Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattis

gammachuudhaan na guutta;

gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.

Deus está perto

O Senhor está perto dos que o invocam, dos quebrantados de coração e dos que clamam por socorro. Sua presença nos sustenta.

Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Rabbii Allaahanis isaan dhagaʼa.

Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.

Rabbii Allaahan warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;

warra abdii kutatanis ni fayyisa.

Garraamummaan keessan nama hundumaa biratti haa beekamu. Gooftaan dhiʼoo jira.

Amma garuu isin warri yeroo tokko fagoo turtan Al-Masiihi Iisaan dhiiga Al-Masiihiin dhiʼeeffamtaniirtu.

Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,

bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;

anis bara baraan, mana Rabbii Allaah keessa nan jiraadha.

A presença que nunca abandona

Deus promete nunca nos deixar. Ele permanece fiel, está conosco em todo tempo e envia o Espírito para habitar em nossos corações.

Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.

Rabbii Allaahan keenya akkuma abbootii keenya wajjin ture sana nu wajjin haa jiraatu; inni yoom iyyuu nu hin dhiisin yookaan nu hin gatin.

Ati garuu sababii Allaah arjaa fi araara qabeessa taateef, araara kee guddicha sanaaf jettee isaan hin balleessine yookaan isaan hin ganne.

Gooftaan nagaa mataan isaas yeroo hunda, karaa hundaan nagaa isinii haa kennu. Gooftaan hunduma keessan wajjin haa taʼu.

Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Allaahan jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.

Inni waan Hafuura isaa irraa nuu kenneef nu akka isa keessa jiraannuu fi akka innis nu keessa jiraatu kanaan ni beekna.

Eenyu iyyuu takkumaa Allaah hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.

Muusaanis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Rabbii Allaah bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse.

Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Allaaha isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa.

Jijjiirama Aasaan Fide

Hafuurri Allaaha Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe. Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; "Aasaa fi Yihuudaan hundi, Biniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Rabbii Allaahan isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa. Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Allaah dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan. Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara Rabbii Allaah Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame. Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre. Sababii Allaahan rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture. Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii."

Aasaan yommuu dubbii kanaa fi nabiiʼiyyii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqeffatamtoota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Biniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa Rabbii Allaah kan gardaafoo mana qulqullummaa Rabbii Allaah dura jiru illee ni haaromse.

Innis Yihuudaa fi Biniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka Rabbii Allaahan isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii.

Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman. Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba Rabbii Allaahaf aarsaa godhan. Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan Rabbii Allaah abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan. Namni Rabbii Allaah Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture. Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan Rabbii Allaahaf ni kakatan. Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Allaah ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu Rabbii Allaahan karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne.

Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube. Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu Rabbii Allaahaf kennamee ture. Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Allaahaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Allaahatti ni galche.

Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-