O Senhor é o meu pastor
O Salmo 23 é a expressão máxima da confiança em Deus como Pastor. Jesus se declarou o Bom Pastor que conhece suas ovelhas, cuida delas e dá a própria vida por elas.
O Senhor é o meu Pastor
Davi declarou com confiança que o Senhor é seu pastor e nada lhe faltará. Ele nos guia, nos restaura e nos conduz em caminhos de justiça.
Rabbii Allaahan tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
Rabbii Allaahan tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa;
gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;
inni lubbuu natti deebisa.
Maqaa isaatiif jedhees
karaa qajeelaa irra na deemsisa.
Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi;
tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.
O Bom Pastor
Jesus é o Bom Pastor que conhece suas ovelhas pelo nome. Ele dá a vida por elas, as protege e nenhuma pode ser arrebatada de sua mão.
"Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
"Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku; kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna. Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.
Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti. Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa. Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu.
Isin dur akkuma hoolota karaa irraa badanii turtan; amma garuu gara Tiksee fi Phaaphaasii lubbuu keessaniitti deebitaniirtu.
Isinis yommuu hangafni tiksootaa mulʼatutti gonfoo ulfinaa kan miidhaginni isaa irraa hin badne argattu.
O cuidado pastoral de Deus
Como pastor terno e forte, Deus carrega os cordeiros nos braços e guia com cuidado as ovelhas que amamentam.
Kunoo, Rabbii Allaahan Gooftaan humnaan ni dhufa;
irreen isaa jabaadhaanis ni bulcha.
Kunoo, gatiin isaa isa wajjin jira;
gatiin inni namaaf kennu isuma harka jira.
Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata;
xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba;
ofitti qabees qoma isaatti hammata;
haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.