Vícios
A Bíblia nos alerta contra os vícios e comportamentos destrutivos. Deus nos chama à liberdade em Cristo, não à escravidão de desejos e hábitos que consomem corpo e alma.
A escravidão do pecado
Todo vício é uma forma de escravidão. Jesus veio para libertar os cativos e restaurar a verdadeira liberdade dos filhos de Deus.
Iisaanis deebisee akkana jedhe; "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.
Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
Ijoollee Ibraahim
Iisaan Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; "Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti. Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa."
Bilisummaa Al-Masiihiin Argamu
Akka bilisummaan jiraannuuf Al-Masiihiin bilisa nu baase. Kanaafuu jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaatiin hin qabaminaa.
Cubbuu gara duʼaatti nama geessuufis taʼu yookaan ajajamuu gara qajeelummaatti nama geessuuf, yommuu akka garbootaatti nama tokkoof ajajamuuf of kennitanitti, nama ajajamtaniif sanaaf akka garboota taatan hin beektanii?
Resistência e domínio próprio
O fruto do Espírito inclui o domínio próprio. O cristão é chamado a ter controle sobre seus desejos, resistir à tentação e vigiar contra as obras da carne.
weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Allaaha hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.
Halalummaa
"Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;" kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; "Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;" garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu.
Halalummaa
"Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;" kan faayidaa qabu garuu hunda isaa miti; "Wanti hundinuu naaf eeyyamameera;" garuu wanti tokko iyyuu na hin moʼatu.
Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.
Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Allaahanis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
Qorama nama irra gaʼu malee qoramni tokko iyyuu isinitti hin dhufne. Allaahanis amanamaa dha; inni akka isin waan baachuu hin dandeenyeen qoramtan isin hin godhu. Yommuu qoramtanitti garuu inni akka isin obsuu dandeessaniif karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.
Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa duʼaa godhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha."
Kanaafuu Allaahaf bulaa. Ibliisiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.
Libertação e renovação
Em Cristo somos libertos de toda forma de dependência. Pela renovação da mente, aprendemos a discernir e rejeitar o que nos prende.
Aarsaa Jiraataa
Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Allaah gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Allaahatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Al-Masiihi Iisaadhaan garuu akka Allaahaf jiraattota taatanitti of hedaa. Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa. Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Allaahaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Allaahaf dhiʼeessaa.
Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;
Ayyaanni Allaaha kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. Ayyaanni kunis Allaah malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Allaahatti buluu akka jiraannu nu barsiisa;
Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Allaahatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu. Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqeffatamtoota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu. Isaanis sababii isin gara jireenya gad dhiisii akkasiitti isaan wajjin hin fiigneef ni dinqisiifatu; isin arrabsus. Garuu isaan Allaah warra jiranii fi warra duʼanitti muruuf qophaaʼe sana duratti deebii ni kennu. Kanaafuu karaa fooniitiin akkuma namaatti akka isaanitti muramuuf, karaa hafuuraatiin immoo akka Allaahatti akka jiraataniif injiilli warra duʼanii jiranitti iyyuu lallabameera.
Dhuma Waan Hundumaa
Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Allaah duratti duʼaa gochuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa.
Cubbuu fi Dhiifama
Nu yoo cubbuu hin qabnu jenne of gowwoomsina; dhugaanis nu keessa hin jiru. Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;
kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
O corpo como templo
Nosso corpo é templo do Espírito Santo. Devemos honrar a Deus com o corpo, fugindo da embriaguez, da imoralidade e de toda impureza.
Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Allaah irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti;
Isin akka jalʼoonni mootummaa Allaaha hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Allaaha hin dhaalan. Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii fi Hafuura Allaah keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.
Daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa; kun jireenya gad dhiisiitti geessaatii. Qooda kanaa Hafuuraan guutamaa;
Daadhiin wayinii nama qoostuu, dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha;
namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.
Sababii garaa keetiitii fi dhukkuba ammumaa amma sitti kaʼu sanaatiif daadhii wayinii xinnoo ishee dhugi malee bishaan qofa hin dhugin.
Wanni addunyaa keessa jiru hundinuu jechuunis hawwiin foonii, hawwiin ijaa, akkasumas waan qabaniin kooruun kan addunyaati malee kan Abbaa miti.
Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Ibliis diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii.
Soogiddaa fi Ifa
"Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.
Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’
Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.
Ameen.
Kunis:
" ‘Ani jiraataadhaatii;
jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata;
arrabni hundi Allaahaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan"
jedhamee barreeffameeraatii. Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Allaaha duratti deebii ni kennina.