20 Amma garuu Al-Masiihiin warra boqotaniif hangafa taʼee dhugumaan warra duʼan keessaa kaafameera. 21 Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii. 22 Akkuma hundinuu Aadamiin duʼan, hundinuu Al-Masiihiin jiraatoo ni taasifamuutii.
Publicidade