Fakkeenya Al-Masiihii
18 Al-Masiihiinis Allaahatti isin fiduuf jedhee inni qajeelaan, warra qajeeltota hin taʼiniif siʼa tokko cubbuuf dhiphateeraatii. Inni fooniin ni ajjeefame; Hafuuraan garuu jiraataa taasifame; 19 erga jiraataa taasifamee immoo dhaqee hafuurota mana hidhaa jiranitti lallabe;