Cubbamaaf Dhiifama Gochuu
5 Eenyu iyyuu yoo nama gaddisiise utuu dubbii hoʼisuuf hin taʼin inni karaa tokko hunduma keessan gaddisiisuu isaati malee na gaddisiisuu isaa miti. 6 Nama akkanaa irratti adabbiin harki caalaan keessan adabdan ni gaʼa. 7 Qooda kanaa akka inni gadda guddaan hin liqimfamneef dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuutu isin irra jira. 8 Kanaafuu ani akka isin jaalala isaaf qabdan cimsitan isinan kadhadha.