Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Qorontos 9

Arjummaan Jajjabeeffamuu Isaa

6 Waan kana yaadadhaa: Namni harka isaa utuu hin guutin facaasu utuu harka isaa hin guutin galfata; namni harka isaa guutee facaasu immoo harka isaa guutee galfata. 7 Tokkoon tokkoon namaa utuu sassataan yookaan dirqamaan hin taʼin waan kennuuf garaa keessatti yaade haa kennu; Allaahan nama gammachuun kennu jaallataatii. 8 Isin yeroo hundumaa waan hundumaan waan isin barbaachisu hunda qabaattanii hojii gaarii hundumaan akka guutamtaniifis Allaahan ayyaana hunda isinii baayʼisuu ni dandaʼa. 9 Kunis akkuma,

"Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiif ni kenne;

qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata"9:9 Zab 112:9

jedhamee barreeffamee dha. 10 Inni namicha facaasuuf sanyii, kan nyaatuuf immoo buddeena kennu sun isinis akka facaafattaniif sanyii isinii kenna; isinii baayʼisas; ija qajeelummaa keessaniis ni baayʼisa. 11 Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Allaahaf galata fida.

12 Tajaajilli isin kennitan kun waan qulqullootaaf barbaachisu guutuu qofa utuu hin taʼin, akka galanni baayʼeen guutee Allaahaf irra dhangalaʼu taasisa.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também