Akka Phaawulosii fi Injiilaaf Of Kennaniif Sossobachuu
6 Sababii kanaaf ani akka ati kennaa Allaaha kan yeroo ani harka koo sirra kaaʼetti siif kenname sana akka ibiddaatti akka qabsiiftuuf sin yaadachiisa. 7 Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.