Duʼaa Nuuf Godhaa
1 Egaa yaa obboloota, akka dubbiin Gooftaa akkuma isin biratti taʼe sana dafee iddoo hunda gaʼuu fi akka ulfinas qabaatu duʼaa nuuf godhaa. 2 Akka nu harka namoota hamootii fi jalʼootaa jalaa baanuufis duʼaa nuuf godhaa; amantii kan qabu nama hunda mitii.