14 Amoos immoo akkana jedhee Amasiyaaf deebise; "Ani nabiiʼiyyii yookaan ilma nabiiʼiyyii miti; garuu ani tiksee fi eegduu muka harbuun ture. 15 Rabbii Allaahan garuu tika bushaayee keessaa na fuudhee, ‘Dhaqii saba koo Israaʼelitti raajii dubbadhu’ naan jedhe.
Publicidade