13 Isinis dubbii dhugaa jechuunis injiila fayyina keessanii dhageessanii Al-Masiihitti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan; 14 innis warri kan Allaah taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.