20 Mordekaayis wantoota kanneen galmeessee Yihuudoota kutaalee biyya Ahashweroos Mootichaa keessa dhiʼoo fi fagoo jiraatan hundatti xalayoota erge; 21 kunis akka isaan waggaa waggaadhaan guyyaa kudha afuraffaa fi kudha shanaffaa jiʼa Adaar 22 akkuma yeroo itti Yihuudoonni diinota isaanii irraa boqonnaa argataniittii fi akka jiʼa itti gaddi isaanii gara gammachuutti, booʼichi isaanii immoo gara kolfaatti geeddarameetti ayyaaneffataniif. Innis akka isaan guyyoota sana akka guyyoota cidhaa fi gammachuutti, akka guyyoota itti nyaata waliif kennanii hiyyeeyyiifis kennaa kennaniitti ayyaaneffatanitti isaaniif barreesse.
23 Akkasiin Yihuudoonni akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti ayyaana ayyaaneffachuu jalqaban sana itti fufuuf walii galan. 24 Haamaan ilmi Hamedaataa namichi biyya Agaag diinni Yihuudoota hundaa sun Yihuudoota balleessuudhaaf isaanitti yaadee akka isaan badanii fi barbadeeffamaniif ixaa Fuur jedhamu buusee tureetii. 25 Yeroo yaadni sun gurra mootichaa buʼetti mootichi akka yaadni jalʼaan kan Hamaan Yihuudootatti yaade sun matuma isaatti deebiʼee innii fi ilmaan isaa muka irratti fannifamaniif barreeffamaan ajaja dabarse. 26 Kanaafuu guyyoonni sun jecha Fuur jedhamu irraa Furiim jedhamanii moggaafaman. Sababii waan xalayaa kana keessatti barreeffame hundaatii fi sababii waan arganiitii fi waan isaan irra gaʼee tureetiif, 27 Yihuudoonni akka guyyoonni lamaan kunneen akkuma barreeffamettii fi yeroo murteeffametti utuu addaan hin citin waggaa waggaadhaan ayyaaneffamaniif bartee ofii isaanii, kan sanyiiwwan isaaniitii fi warra isaanitti dabalaman hundaa godhanii dhaabbatan. 28 Guyyoonni kunneen dhaloota hunda keessatti, maatii hundaan, kutaalee biyyaa hundaa fi magaalaa hunda keessatti yaadatamuu fi kabajamuu qabu; guyyoonni Furiim kunneen Yihuudootaan kabajamuunis hafuu hin qabu; yaadannoon guyyoota kanneeniis sanyii isaanii keessaa baduu hin qabu.
29 Kanaafuu Asteer Mootittiin intalli Abiihaayil sun Mordekaayi Yihuudicha wajjin taʼanii xalayaa lammaffaa waaʼee Furiim dubbatu kana mirkaneessuudhaaf aangoo guutuudhaan barreessan. 30 Mordekaayis Yihuudoota kutaalee biyyaa 127 kanneen mootummaa Ahashweroos keessa jiraatan hundatti dubbii hawwii nagaatii fi qabbanaa barreessee erge. 31 Kunis akka guyyoonni Furiim kunneen akkuma Mordekaayi Yihuudichii fi Asteer Mootittiin isaaniif labsanitti, akkuma isaanis ofii isaaniitii fi sanyiiwwan isaaniitiif waaʼee soomaatii fi yeroo booʼicha isaanii ilaalchisee dhaabbatanitti yeroo murtaaʼetti ayyaaneffamuuf. 32 Labsiin Asteeris seera waaʼee Furiim kana mirkaneesse; wanni kunis galmee keessatti barreeffame.