14 Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; 15 kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Allaaha warra yakka hin qabnes taataniif, 16 yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Al-Masiihiitti of jajuu nan dandaʼa.
Publicidade