3 Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. 4 Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.
5 Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.