Pular para o conteúdo
Publicidade

Gálatas 4

4 Yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti garuu Allaahan Ilma isaa isa dubartii irraa dhalate, kan seera jalatti dhalate sana erge; 5 kunis akka nu mirga ilmummaa argannuuf warra seera jala jiran furuuf. 6 Sababii isin ilmaan taataniifis Allaahan Hafuura Ilma isaa kan, "Aabbaa, yaa Abbaa" jedhee waamu sana gara keessa garaa keenyaatti erge. 7 Kanaaf ati siʼachi ilma malee garba miti; erga ilma taatee immoo Allaahan dhaaltuu si taasiseera.

Veja também