Nama Hundumaaf Waan Gaarii Gochuu
1 Yaa obboloota, yoo namni tokko cubbuu keessa seene, isin warri hafuuraan jiraattan garraamummaan isa deebisuu qabdu. Garuu atis akka hin qoramneef of eeggadhu. 2 Isin baʼaa walii baadhaa; akkasiin isin seera Al-Masiihii ni eegdu.