3 Aarsaawwan kunneen garuu wagguma waggaan cubbuu nama yaadachiisu. 4 Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii.
5 Kanaafuu Al-Masiihiin yommuu gara addunyaa dhufetti akkana jedhe:
"Ati aarsaa fi kennaa hin feene;
garuu dhagna naa qopheessite;
6 ati aarsaa gubamuu fi
kennaa sababii cubbuutiif
dhiʼeeffamutti hin gammanne.
7 Yeroo sana ani, ‘Ani kunoo ti;
waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera;
yaa Allaah ko, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera’ nan jedhe."10:7 Zab 40:6-8
8 Isaan akka seeraatti dhiʼeeffaman iyyuu inni jalqabatti, "Ati qalmawwanii fi aarsaawwan, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan cubbuuf dhiʼeeffaman hin feene yookaan itti hin gammanne" jedhe. 9 Ergasiis inni, "Ani kunoo fedhii kee raawwachuuf dhufeera" jedhe. Innis isa lammaffaa dhaabuuf jedhee isa jalqabaa dhabamsiise. 10 Fedhii sanaanis nu aarsaa dhagna Iisaa Al-Masiihi isa siʼa tokko yeroo hundaaf dhiʼeeffameen qulqulleeffamneerra.