Pular para o conteúdo
Publicidade

Neemias 13

12 Yihuudaan hundi midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka kudhan keessaa tokko fidanii mankuusaaleetti galchan. 13 Anis Shelemiyaa lubicha, Zaadoq barreessichaa fi Lewwicha Phedaayaa jedhamu tokko itti gaafatamtoota mankuusaalee godheen muude; akkasumas sababii isaan amanamoo taʼaniif Haanaan ilma Zakuur, ilma Mataaniyaa sana gargaaraa isaanii nan godhe. Hojiin isaaniis obboloota isaaniitiif nyaata hiruu ture.

14 Yaa Allaah ko, waan kanaaf jedhii na yaadadhu; hojii gaarii ani mana Allaah kootii fi tajaajila isaatiif hojjedhes na duraa hin balleessin.

Veja também