Arrependimento
O arrependimento é a porta da graça. A Bíblia declara que Deus não deseja a morte do ímpio, mas que se converta e viva. Arrependei-vos, pois o Reino dos Céus está próximo.
Chamado ao arrependimento
Arrependei-vos, porque o Reino dos Céus está próximo. Quem se arrepende e confessa encontra restauração e perdão.
Iisaan yeroo sanaa jalqabee, "Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhee lallabuutti kaʼe.
Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa.
Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’ jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii."
Innis, "Barri sun gaʼeera; mootummaan Allaahas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii injiilatti amanaa!" jedhe.
Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu.
Ani cubbamoota gara qalbii jijjiirrannaatti waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufne."
Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Allaahatti deebiʼaa;
Allaahan bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja.
A graça do arrependimento
Os que eu amo, eu repreendo e disciplino. Arrepende-te! Deus não quer que nenhum se perca — mas que todos cheguem ao arrependimento.
Ani warran jaalladhu nan ifadha; nan adabas. Kanaafuu jabaadhu; qalbii jijjiirradhus.
Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
Ani duʼa nama kamiitti iyyuu hin gammaduutii, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. Qalbii jijjiirradhaatii lubbuudhaan jiraadhaa!
yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na duratti duʼaa godhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani shamaayʼun irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.
Hisqiyaas akka isaan Rabbii Allaah Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem, gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah dhufaniif Israaʼelii fi Yihuudaa hundatti ergaa erge; Efreemii fi Minaaseetti immoo xalayaa barreesse. Mootichii fi qondaaltonni isaa akkasumas waldaan Yerusaalem keessa jiru hundi jiʼa lammaffaatti Faasiikaa ayyaaneffachuuf murteessan. Isaan sababii luboonni of qulqulleessan lakkoobsaan gaʼoo hin taʼinii fi sababii namoonni Yerusaalemitti walitti hin qabaminiif yeroo barbaachisaa taʼetti Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Karoorri sunis mootichaa fi waldaa sana guutuu ni gammachiise. Isaanis akka namoonni Rabbii Allaah Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem dhufaniif Bersheebaa hamma Daanitti Israaʼel hunda keessa labsii labsuuf murteessan. Ayyaanni Faasiikaa akka barreeffametti iddoo namoonni hedduun jiranitti ayyaaneffamee hin beekuutii.
Ergamoonnis ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaa fi qondaaltota isaa biraa ergame fuudhanii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa keessa qajeelan; xalayaan sunis akkana jedha:
"Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara Rabbii Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaqii fi Allaah Israaʼelitti deebiʼaa. Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan Rabbii Allaah abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa. Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; Rabbii Allaahatti harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf Rabbii Allaah keessan tajaajilaa. Sababii Rabbii Allaahan keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara Rabbii Allaahatti deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu."
Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis. Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan. Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii Rabbii Allaahatti ajajanii turan sana hojjetaniif harki Allaaha yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture.
Tuunni akka malee guddaan tokko jiʼa lammaffaatti Ayyaana Maxinoo ayyaanessuuf Yerusaalem keessatti walitti qabame. Isaanis iddoowwan aarsaa kanneen Yerusaalem keessa turan bubuqqisanii, iddoowwan aarsaa ixaanaas diiganii geessanii Sulula Qeedroonitti ni gatan.
Guyyaa kudha afuraffaa jiʼa lammaffaattis hoolaa Faasiikaa qalan. Luboonnii fi Lewwonnis qaanaʼanii of qulqulleessuudhaan aarsaa gubamu gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah fidan. Ergasiis akkuma Seera Muusaa nama Allaaha sanaa keessatti ajajametti iddoo isaaniif ramadame ni qabatan. Luboonnis dhiiga Lewwonni isaanitti kennan sana ni faffacaasan. Sababii waldaa sana keessaa namoonni hedduun of hin qulqulleessiniif Lewwonni namoota akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi namoota hoolota isaanii Rabbii Allaahaf qulqulleessuu hin dandaʼin hundaaf jedhanii hoolota Faasiikaa ni qalu turan. Namoota biyya Efreem, Minaasee, Yisaakorii fi Zebuuloonii dhufan hedduu keessaa garri caalu of qulqulleessuu baatan iyyuu isaan waan barreeffameen alatti Faasiikaa nyaatan; Hisqiyaas garuu akkana jedhee Allaah duratti duʼaa godhateef; "Yaa Rabbii Allaah tolaa, nama garaa isaatiin siʼi Rabbii Allaah abbootii isaa barbaaduuf kutate hunda yoo inni akka seera iddoo qulqulluutti qulqullaaʼaa taʼuu baate illee ati araaramiif." Rabbii Allaahanis duʼaa Hisqiyaas dhagaʼee saba sana ni fayyise.
Israaʼeloonni Yerusaalem keessatti argamanii turan gammachuu guddaadhaan bultii torba Ayyaana Maxinoo ayyaaneffatan; Lewwonnii fi luboonni immoo meeshaalee faarfannaa Rabbii Allaahatiin guyyaa guyyaadhaan Rabbii Allaah galateeffachaa turan.
Hisqiyaasis Lewwota waaʼee tajaajila Rabbii Allaah irratti hubannaa gaarii qaban jajjabeessuudhaan itti dubbate. Isaanis bultii torbanuu waan isaaniif qoodame nyaachaa, aarsaa nagaas dhiʼeessaa Rabbii Allaah abbootii isaaniitiif galata galchan.
Waldaan sun guutuun bultii torba itti dabalee ayyaana sana ayyaaneffachuuf walii gale; kanaafuu isaan bultii torba itti dabalanii gammachuudhaan ayyaaneffatan. Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan. Waldaan Yihuudaa hundi, luboota, Lewwotaa fi namoota Israaʼel keessaa walitti qabaman hunda, akkasumas alagoota Israaʼel keessaa dhufanii fi kanneen Yihuudaa keessa jiraatan hunda wajjin ni gammadan. Bara Suleyimaan ilma Daawud mooticha Israaʼel jalqabee waan wanni akkasii Yerusaalem keessatti takkumaa hin taʼiniif Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu taʼe. Ergasiis luboonnii fi Lewwonni kaʼanii saba eebbisan; Allaahanis isaan dhagaʼe; duʼaan isaanii gara Shamaayʼunii, iddoo inni jiraatu qulqulluu sana gaʼeeraatii.
Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin
garaa keessan tarsaasaa.
Gara Rabbii Allaah keessaniitti deebiʼaa;
inni arjaa fi gara laafessaatii;
inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha;
inni badiisa erguu irraa of qusata.
Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Zakariyaa nabiiʼiyyicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe:
"Rabbii Allaahan akka malee abbootii keessanitti aaree ture. Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu. Isin akka abbootii keessan kanneen nabiiʼiyyoonni durii, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, ‘Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaa’ jedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha Rabbii Allaahan. Abbootiin keessan amma eessa jiru? Nabiiʼiyyoonnis bara baraan jiraatuu? Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo nabiiʼiyyoota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee?
"Ergasii isaan qalbii jijjiirratanii, ‘Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkuma gochuuf murteesse sanatti waan karaa keenyaa fi gochawwan keenyaaf malu nutti godhe’ jedhan."
Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin Rabbii Allaah gara Zakariyaa nabiiʼiyyichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe.
Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture.
Anis, "Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!" jedheen gaafadhe.
Malaʼikkaan natti dubbachaa tures, "Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa" naan jedhe.
Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, "Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif Rabbii Allaahan ergee dha" jedhee naa ibse.
Isaanis, "Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine" jedhanii malaʼikkaa Rabbii Allaah kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan.
Malaʼikkaan Rabbii Allaahas, "Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?" jedhe. Rabbii Allaahanis dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun malaʼikkaa na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate.
Ergasii malaʼikkaan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; "Dubbii kana labsi: Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa; ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.’
"Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha: ‘Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfama’ jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
"Ammas ittuma fufiitii Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Rabbii Allaahanis Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’ "
Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture! Anis, "Kun maali?" jedheen malaʼikkaa natti dubbachaa ture sana gaafadhe.
Innis, "Kunneen gaanfawwan Yihuudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemin gargar bittinneessanii dha" jedhee naaf deebise.
Rabbii Allaahanis ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise. Anis, "Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?" jedheen gaafadhe.
Innis akkana jedhee deebise; "Isaan kunneen gaanfawwan akka namni tokko mataa isaa ol hin qabanneef Yihuudaa bittinneessanii dha; ogeeyyiin hojii harkaa kunneen garuu isaan rifachiisuu fi gaanfawwan saboota uummata ishee bittinneessuuf gaanfawwan isaanii biyya Yihuudaatti ol fudhatan kanneenii balleessuuf dhufan."
Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;
kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
Mormii koo qalbeeffadhaa;
ani yaada koo isinii nan dhangalaasa;
dubbii koos isiniifin ibsa.
Confissão e restauração
Se confessarmos, Ele é fiel e justo. Há alegria no céu por um pecador que se arrepende — o arrependimento abre o caminho da vida.
Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
Ani isinittin hima; sababii qajeeltota qalbii jijjiirrachuun isaan hin barbaachifne sagaltamii sagalii irra sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif shamaayʼun keessatti gammachuun guddaan akkasuma ni taʼa.
Ani isinittin hima; sababii cubbamaa qalbii jijjiirratu tokkootiif malaʼikkoonni Allaaha akkasuma ni gammadu."
Allaahatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.