Publicidade

Misericórdia

Por Bíblia Online

A misericórdia de Deus é eterna e inesgotável. Ele se compadece dos que sofrem, perdoa os arrependidos e derrama graça sobre os que não merecem. Grande é a sua fidelidade.

A misericórdia de Deus

Quem é Deus como tu, que perdoa a iniquidade? Ele se deleita em ter misericórdia e não retém a ira para sempre.

Allaahan akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee

balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu?

Ati araara gochuutti gammadda malee

bara baraan hin dheekkamtu.

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud. Zabuurii kanas inni erga Batisheebaa bira gaʼee booddee yeroo Naataan nabiiʼiyyichi gara isaa dhufetti faarfate.

Yaa Allaah, akkuma jaalala kee

kan hin geeddaramne sanaatti na maari;

akkuma baayʼina araara keetiitti,

yakka koo narraa haqi.

Yakka koo hundumaa narraa dhiqi;

cubbuu koo irraas na qulqulleessi.

Rabbii Allaah, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;

isaan durumaa jalqabanii jiruutii.

Cubbuu afaan kootii

yookaan dogoggora koo hin yaadatin;

yaa Rabbii Allaah, gaarummaa keetiif jedhiitii

akkuma araara keetiitti na yaadadhu.

Zabuurii ol baʼuu.

Rabbii Allaah, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;

yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.

Gurri kees sagalee waammata koo

xiyyeeffatee haa dhagaʼu.

Rabbii Allaah araara kee na hin dhowwatin;

jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.

Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,

bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;

anis bara baraan, mana Rabbii Allaah keessa nan jiraadha.

Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,

Rabbii Allaahan warra isa sodaataniif garaa ni laafa;

Graça e perdão

Onde o pecado abundou, superabundou a graça. Deus convida todos ao arrependimento e promete perdão total aos que confessam.

Kennaan tolaa sun garuu akka balleessaa sanaa miti. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin namoonni baayʼeen duʼanii, ayyaanni Allaahatii fi kennaan karaa ayyaana nama tokkootiin jechuunis kennaan karaa Iisaa Al-Masiihiitiin dhufe sun immoo hammam caalaa namootaaf haa baayʼatu ree!

Garboota Qajeelummaa Taʼuu

Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu!

Garuu Allaahan araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Al-Masiihii wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

Inni garuu, "Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii" naan jedhe. Kanaafuu humni Al-Masiihii akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.

Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;

kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.

Namni hamaan karaa isaa,

namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu.

Inni gara Rabbii Allaahatti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf;

gara Allaah keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.

Taʼus Rabbii Allaahan isiniif arjoomuu barbaada;

isiniif naʼuufis ni kaʼa:

Rabbii Allaah murtii qajeelaa ti.

Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.

Misericórdia e compaixão

Misericórdia quero e não sacrifício. Deus nos chama a ser misericordiosos como Ele é, perdoando e acolhendo o próximo.

Garuu dhaqaatii dubbiin, Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii."

Tajaajilaa Dhiifama Hin Goone Tokko

Ergasii Phexros gara Iisaa dhufee, "Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?" jedhee gaafate.

Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.

Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni shamaayʼun irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.

Ati garuu sababii Allaah arjaa fi araara qabeessa taateef, araara kee guddicha sanaaf jettee isaan hin balleessine yookaan isaan hin ganne.

Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf,

nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.

Eebbi Allaah keenya Gooftichaa nurra haa buʼu;

hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi;

eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.

Acessar a misericórdia

Cheguemos com confiança ao trono da graça. Ali encontramos misericórdia e graça para socorro no tempo oportuno.

Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.

Aarsaa Jiraataa

Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Allaah gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Allaahatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Isin akka Al-Masiihitti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;

Hisqiyaas Faasiikaa Ayyaaneffate

Hisqiyaas akka isaan Rabbii Allaah Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem, gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah dhufaniif Israaʼelii fi Yihuudaa hundatti ergaa erge; Efreemii fi Minaaseetti immoo xalayaa barreesse. Mootichii fi qondaaltonni isaa akkasumas waldaan Yerusaalem keessa jiru hundi jiʼa lammaffaatti Faasiikaa ayyaaneffachuuf murteessan. Isaan sababii luboonni of qulqulleessan lakkoobsaan gaʼoo hin taʼinii fi sababii namoonni Yerusaalemitti walitti hin qabaminiif yeroo barbaachisaa taʼetti Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Karoorri sunis mootichaa fi waldaa sana guutuu ni gammachiise. Isaanis akka namoonni Rabbii Allaah Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem dhufaniif Bersheebaa hamma Daanitti Israaʼel hunda keessa labsii labsuuf murteessan. Ayyaanni Faasiikaa akka barreeffametti iddoo namoonni hedduun jiranitti ayyaaneffamee hin beekuutii.

Ergamoonnis ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaa fi qondaaltota isaa biraa ergame fuudhanii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa keessa qajeelan; xalayaan sunis akkana jedha:

"Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara Rabbii Allaah Ibraahim, Allaah Yisihaaqii fi Allaah Israaʼelitti deebiʼaa. Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan Rabbii Allaah abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa. Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; Rabbii Allaahatti harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf Rabbii Allaah keessan tajaajilaa. Sababii Rabbii Allaahan keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara Rabbii Allaahatti deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu."

Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis. Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan. Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii Rabbii Allaahatti ajajanii turan sana hojjetaniif harki Allaaha yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture.

Tuunni akka malee guddaan tokko jiʼa lammaffaatti Ayyaana Maxinoo ayyaanessuuf Yerusaalem keessatti walitti qabame. Isaanis iddoowwan aarsaa kanneen Yerusaalem keessa turan bubuqqisanii, iddoowwan aarsaa ixaanaas diiganii geessanii Sulula Qeedroonitti ni gatan.

Guyyaa kudha afuraffaa jiʼa lammaffaattis hoolaa Faasiikaa qalan. Luboonnii fi Lewwonnis qaanaʼanii of qulqulleessuudhaan aarsaa gubamu gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah fidan. Ergasiis akkuma Seera Muusaa nama Allaaha sanaa keessatti ajajametti iddoo isaaniif ramadame ni qabatan. Luboonnis dhiiga Lewwonni isaanitti kennan sana ni faffacaasan. Sababii waldaa sana keessaa namoonni hedduun of hin qulqulleessiniif Lewwonni namoota akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi namoota hoolota isaanii Rabbii Allaahaf qulqulleessuu hin dandaʼin hundaaf jedhanii hoolota Faasiikaa ni qalu turan. Namoota biyya Efreem, Minaasee, Yisaakorii fi Zebuuloonii dhufan hedduu keessaa garri caalu of qulqulleessuu baatan iyyuu isaan waan barreeffameen alatti Faasiikaa nyaatan; Hisqiyaas garuu akkana jedhee Allaah duratti duʼaa godhateef; "Yaa Rabbii Allaah tolaa, nama garaa isaatiin siʼi Rabbii Allaah abbootii isaa barbaaduuf kutate hunda yoo inni akka seera iddoo qulqulluutti qulqullaaʼaa taʼuu baate illee ati araaramiif." Rabbii Allaahanis duʼaa Hisqiyaas dhagaʼee saba sana ni fayyise.

Israaʼeloonni Yerusaalem keessatti argamanii turan gammachuu guddaadhaan bultii torba Ayyaana Maxinoo ayyaaneffatan; Lewwonnii fi luboonni immoo meeshaalee faarfannaa Rabbii Allaahatiin guyyaa guyyaadhaan Rabbii Allaah galateeffachaa turan.

Hisqiyaasis Lewwota waaʼee tajaajila Rabbii Allaah irratti hubannaa gaarii qaban jajjabeessuudhaan itti dubbate. Isaanis bultii torbanuu waan isaaniif qoodame nyaachaa, aarsaa nagaas dhiʼeessaa Rabbii Allaah abbootii isaaniitiif galata galchan.

Waldaan sun guutuun bultii torba itti dabalee ayyaana sana ayyaaneffachuuf walii gale; kanaafuu isaan bultii torba itti dabalanii gammachuudhaan ayyaaneffatan. Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan. Waldaan Yihuudaa hundi, luboota, Lewwotaa fi namoota Israaʼel keessaa walitti qabaman hunda, akkasumas alagoota Israaʼel keessaa dhufanii fi kanneen Yihuudaa keessa jiraatan hunda wajjin ni gammadan. Bara Suleyimaan ilma Daawud mooticha Israaʼel jalqabee waan wanni akkasii Yerusaalem keessatti takkumaa hin taʼiniif Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu taʼe. Ergasiis luboonnii fi Lewwonni kaʼanii saba eebbisan; Allaahanis isaan dhagaʼe; duʼaan isaanii gara Shamaayʼunii, iddoo inni jiraatu qulqulluu sana gaʼeeraatii.

"Namni tokko yoo niitii isaa hiikee

isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte,

inni lammata isheetti deebiʼaa?

Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu?

Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta;

taʼus amma gara kootti deebiʼi?"

jedha Rabbii Allaahan.

"Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali.

Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa?

Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti

warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse;

sagaagaltummaa fi hammina keetiin

biyyattii xureessiteerta.

Kanaafuu tiifuun ni ittifame;

birraa keessa illee bokkaan hin roobne.

Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda;

qaanaʼuus ni didde.

Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee?

Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,

ati yeroo hunda ni aartaa?

Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?

Ati akkasitti dubbatta;

garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta."

Israaʼel Amanamummaa Dhabde

Rabbii Allaahan bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; "Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte. Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite. Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite. Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite. Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine" jedha Rabbii Allaahan.

Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; "Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha. Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi:

" Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼijedha Rabbii Allaahan;

Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu;

ani araara qabeessaatiijedha Rabbii Allaahan.

Ani bara baraan hin dheekkamu.

Ati akka Rabbii Allaah keetti fincilte,

akka mukkeen lalisoo hunda jalatti

jaalala kee waaqeffatamtoota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde,

balleessaa kee sana qofa himadhu’ "

jedha Rabbii Allaahan.

"Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa" jedha Rabbii Allaahan; "Ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida. Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna. Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti," jedha Rabbii Allaahan, "Namoonni siʼachi, Taabota kakuu Rabbii Allaahhin jedhan." Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu. Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Rabbii Allaah jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Rabbii Allaah ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan. Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.

"Ani mataan koo akkana nan jedhe;

" Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti

si fudhadhee biyya namatti toltu,

dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.

Ani waan ati, Abbaa kojettee na waamtuuf,

waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.

Yaa mana Israaʼel,

ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo,

anaaf hin amanamne turte"

jedha Rabbii Allaahan.

Isaan karaa isaanii jalʼisanii

Rabbii Allaah isaanii waan irraanfataniif

gaara duwwaa irratti iyyi,

booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.

"Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa;

ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii."

"Kunoo, nu gara kee ni dhufna;

Ati Rabbii Allaah keenyaatii.

Dhugumaan wacni gaarranii fi

tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha;

dhugumaan fayyinni Israaʼel

harka Rabbii Allaah keenyaa jira.

Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqeffatamtoonni nama qaanessan,

buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa

jechuunis bushaayee fi loon isaanii,

ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru.

Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu;

salphinni keenyas nu haa haguugu.

Nus abbootiin keenyas Rabbii Allaah keenyatti

cubbuu hojjenneerra;

nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti

Rabbii Allaah keenyaaf hin ajajamne."

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-