Pular para o conteúdo
Publicidade

Ressurreição

Por Bíblia Online

A ressurreição é o pilar da fé cristã. Se Cristo não ressuscitou, é vã a nossa fé. Mas Ele venceu a morte, e essa é a garantia da nossa própria ressurreição.

Cristo ressuscitou

O túmulo está vazio! Os anjos declararam: 'Ele não está aqui; ressuscitou!' A ressurreição de Cristo é o fato mais transformador da história.

Malaʼikkaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; "Hin sodaatinaa! Akka isin Iisaa isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka. Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.

Innis akkana isaaniin jedhe; "Hin rifatinaa! Isin Iisaa Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa.

Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama jedhee tureetii."

Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti qabrii bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane. Isaan akka Iisaan warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.

Anis waanan fudhadhe duraan dursee dabarseen isinitti kenneeraatii; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti, Al-Masiihiin cubbuu keenyaaf jedhee duʼe; ni qabbarames; akka Katabbiiwwan Qulqulluun dubbatanitti guyyaa sadaffaatti duʼaa kaafame.

Ressurreição e vida eterna

Jesus disse: 'Eu sou a ressurreição e a vida.' Quem crê nele viverá, mesmo que morra. A morte foi derrotada na cruz e no túmulo vazio.

Iisaan immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?"

Akkuma duuti karaa nama tokkootiin dhufe, akkasuma immoo duʼaa kaʼuun warra duʼanii karaa nama tokkootiin dhufeetii.

Nu erga akka Iisaan duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Allaahan warra Iisaatti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna.

Jaalalli Al-Masiihii nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra. Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.

Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;

Nossa esperança futura

A ressurreição de Cristo garante nossa esperança viva. O Deus de paz trouxe dos mortos o grande Pastor das ovelhas para nossa salvação.

Abdii Jiraataadhaaf Allaah Galateeffachuu

Allaaha fi Abbaan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Iisaa Al-Masiihiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;

bishaan kun fakkeenya cuuphaa amma iyyuu isin fayyisuu ti; kunis dhagna irraa xurii baasuu utuu hin taʼin qalbii qulqulluun Allaahaf waadaa galuu dha. Innis duʼaa kaʼuu Iisaa Al-Masiihiin isin fayyisa;

Eebbaa fi Dhaamsa Nagaa Xumuraa

Allaahan nagaa inni karaa dhiiga kakuu bara baraatiin Gooftaa keenya Iisaa, Tiksee hoolotaa guddicha sana warra duʼan keessaa kaase sun, akka isin fedhii isaa raawwattaniif waan gaarii hundaan isin haa qopheessu; innis karaa Iisaa Al-Masiihiitiin waan isa gammachiisu nu keessatti haa hojjetu; ulfinni bara baraa hamma bara baraatti Iisaa Al-Masiihiif haa taʼu. Ameen.

Ani Al-Masiihii fi humna duʼaa kaʼuu isaa beekuu, dhiphina isaa keessatti hirmaachuu fi duʼa isaatiinis isa fakkaachuu nan barbaada;

Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Allaahatii fi luboota Al-Masiihii taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.

Warri duʼanis xinnaa guddaan fuula teessichaa dura dhaabatanii nan arge; kitaabonnis ni banaman; akkasumas kitaabni biraa jechuunis kitaabni jireenyaa ni baname. Warra duʼanis akkuma kitaabota keessatti galmeeffametti, akkuma hojii isaan duraan hojjetaniitti murtiin ni kennameef. Galaannis warra duʼan kanneen isa keessa turan of keessaa baasee kenne; duutii fi Siiʼoolis warra duʼan kanneen isaan keessa turan of keessaa baasanii kennan; namni hundis akkuma hojii isaatti murtii argate.

Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Allaaha qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan nabiiʼiyyoonnii fi Muusaan Ni taʼajedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu. Kunis akka Al-Masiihiin dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha."

"Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!"

Seja o primeiro