Pular para o conteúdo
Publicidade

Kitaaba Faaruu Solomoonii 3

1 Ani halkan guutuu taqee tiyya irratti

jaala kiyya ka lubbu’uu barbaade;

ani isa barbaade ammoo hin dhaggine.

2 Ani amma ka’ee qachaa keessa,

karaa irra, woldeennaa kara’aa irra deddeemee,

jaala kiyya ka lubbu’uu hin barbaada;

ani barbaade ammoo isa hin dhaggine.

3 Worri qachaa eegu adoo asii fi achi deemanuu,

na dhaggane;

anille, «Jaala kiyya ka lubbu’uu

dhaggitaneertanii?» jedhee gaafadhe.

4 Isaan irra akkuma dabareen,

jaala kiyya ka lubbu’uu san dhaggee,

isa qabadhe;

gara mana haadha tiyyaa,

gara kolloo haadha na deetteetitti

haga isa geeffadhutti gad isa hin lakkinne.

5 Ee dubartoota Yerusaalemii,

haga inni fedhuma ifiitiin ka’utti,

jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine,

ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda’aatiin,

isin magannifadha.

Faaruu Sadeesso’oo

Waajibittii

6 Ka lafa goomole’ee keessaa

akka duumensa aaraa

ol bayiisatti jiru,

ka akka fiqiree qumbi’ii fi hixaanaan

daldaltooti uddowaa mara irraa hujattee kun eennu?

7 Kunoo, barcumaan mootumma’aa3:7 Barcumaa mootumma’aa: Barcumaan mootumma’aa kun ka kolbaan Solomoon ittiin ba’attee asii fi achi ideentu. ka Solomoonii,

loltoota hunnaameyyii Israa’elii

keessaa ta filatante jaatamaan marfameera.

8 Marti isaaniituu shallaagaa hidhatan;

martinuu muuxannoo lolaa qaban;

bidhaa halkaniitiif

tokko tokkoon isaanii shallaagaa hidhataneeran.

9 Mootichi Solomoon muka Libaanonii irraa,

barcumaa mootumma’aa ka ifii hujisiifate.

10 Miilli barcumaa mootumma’aa sanii meetii irraa,

irkoon isaa worqii irraa,

addeen tee’iisaa woyaa dhiille’een gonfameera;

keessa isaa dubartoota Yerusaalemiititti seesee huje.

11 Ee Dubartoota Yerusaalemii,

dhaqa’aatii kallacha Solomoonii mootichaa,

ka haati isaa guyyaa fuudha isaa,

guyyaa gadhaan isaa gammadetti

itti keette ilaala’a.

Veja também