7 Kanaafuu utuu mulʼachuu Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii eeggachaa jirtanuu kennaan hafuuraa tokko iyyuu isin jalaa hin hirʼatu. 8 Akka isin guyyaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti warra mudaa hin qabne taataniifis inni hamma dhumaatti jabeessee isin eega.