9 Isin akka jalʼoonni mootummaa Allaaha hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri waaqeffatamaa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, 10 yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Allaaha hin dhaalan. 11 Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihii fi Hafuura Allaah keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.