Fakkeenya Al-Masiihii
21 Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Al-Masiihiin akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.
22 "Inni cubbuu hin hojjenne;
sobni afaan isaatii hin baane."2:22 Isa 53:9
23 Yeroo isaan isa arrabsanitti inni isaan hin arrabsine; yeroo dhiphatettis nama hin doorsifne. Garuu isa qajeelummaan muru sanatti imaanaa of kenne. 24 Inni mataan isaa akka nu cubbuuf duunee qajeelummaaf immoo jiraannuuf jedhee dhagna isaatiin cubbuu keenya fannoo irratti baate; isinis madaa isaatiin fayyitaniirtu.