Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Pedro 3

Niitonni Dhirsootaaf Buluu

1 Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa; 2 isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu. 3 Miidhaginni keessan faaya alaan mulʼatuun jechuunis shurrubbaa dhaʼachuu, warqee kaaʼachuu fi uffata bareedaa uffachuun hin taʼin; 4 qooda kanaa miidhaginni keessan miidhagina keessa namummaa keessanii haa taʼu; innis miidhagina hafuura garraamii fi tasgabbaaʼaa, kan hin badne, kan fuula Allaaha duratti gatii guddaa qabu haa taʼu. 5 Dubartoonni qulqulloonni durii warri Allaah abdatanis akkasuma dhirsoota isaaniitiif ajajamuudhaan of miidhagsan; 6 Saaraanis Ibraahimiin "Gooftaa" jettee waamaa isaaf ajajamaa turte. Isinis yoo waan qajeelaa hojjettanii fi sodaachuu baattan intallan ishee ti.

Veja também