2 Kanaafuu inni bara jireenya isaa kan foonii isa hafe sana akka fedhii Allaahatti jiraata malee akka hawwii namaatti hin jiraatu. 3 Yeroon isin duraan waan ormoonni hojjechuu jaallatan sana jechuunis jireenya gad dhiisii irratti, hawwii foonii irratti, machii irratti, addaggummaa irratti, gar malee dhuguu fi waaqeffannaa waaqeffatamtoota tolfamoo kan jibbisiisaa taʼe irratti balleessitan sun haa gaʼu. 4 Isaanis sababii isin gara jireenya gad dhiisii akkasiitti isaan wajjin hin fiigneef ni dinqisiifatu; isin arrabsus. 5 Garuu isaan Allaah warra jiranii fi warra duʼanitti muruuf qophaaʼe sana duratti deebii ni kennu. 6 Kanaafuu karaa fooniitiin akkuma namaatti akka isaanitti muramuuf, karaa hafuuraatiin immoo akka Allaahatti akka jiraataniif injiilli warra duʼanii jiranitti iyyuu lallabameera.
Dhuma Waan Hundumaa
7 Dhumni waan hundaa dhiʼaateera. Kanaaf akka Allaah duratti duʼaa gochuu dandeessaniif dammaqaa; warra of qabanis taʼaa.