18 Kun hundinuus Allaah Al-Masiihiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; 19 kunis, Allaahan cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Al-Masiihiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera. 20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Al-Masiihii ti; Allaahanis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Allaahatti araaramtaniif qooda Al-Masiihii taanee isin kadhanna.
Publicidade