8 Yaa michoota jaallatamoo, isin garuu waan tokkicha kana hin irraanfatinaa. Gooftaa biratti guyyaan tokko akka waggaa kumaa, waggaan kumnis akka guyyaa tokkoo ti. 9 Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.
10 Guyyaan Gooftaa garuu akkuma hattuutti dhufa. Shamaayʼuniiwwan sagalee guddaadhaan dhabamu; wanni shamaayʼuniiwwan keessa jiru hundinuus hoʼa guddaadhaan baqa; laftii fi wanni ishee irra jiru hundinuus ni gubata.
11 Wanni hundinuu akkasitti bada erga taʼee, isin nama akkamii taʼuu qabdu ree? Jireenya qulqulluu fi Allaahaf bulu jiraachuu qabdu; 12 kanas guyyaa Allaaha eeggachaa, dhufaatii isaas ariifachiisaa gochuu qabdu. Guyyaa sana shamaayʼuniiwwan ibiddaan badu; wanni shamaayʼuniiwwan keessa jirus hoʼaan baqa. 13 Nu garuu akkuma waadaa isaatti shamaayʼuniiwwan haaraa fi lafa haaraa qajeelinni keessa jiraatu eegganna.