Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Saamuʼeel 16:5,7,10-12

KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

Saamiin Daawudin Abaare

5 Akkuma Daawud mootichi Bahuuriim gaʼeen namichi balbala maatii Saaʼol tokko itti dhufe. Maqaan isaas Shimeʼii ilma Geeraa ti; namichi kunis Daawudin abaaraa gad baʼe. 7 Shimeʼiinis akkana jedhee isa abaaraa ture; "Asii baʼi; asii baʼi; ati nama dhiigaa ti; namicha hamaa nana!

10 Mootichi garuu akkana jedhe; "Yaa ilmaan Zeruuyaa, anii fi isin maal wal irraa qabna? Yoo inni sababii Rabbii Allaahan, ‘Ati Daawudin abaari’ isaan jedheef na abaare eenyutu, ‘Ati maaliif waan kana goota?’ jedhee isa gaafachuu dandaʼa?"

11 Ergasii Daawud Abiishaayii fi qondaaltota isaa hundaan akkana jedhe; "Ilmi koo kan gudeeda kootii baʼe iyyuu lubbuu koo balleessuu barbaada. Yoos namichi gosa Biniyaam kun hammam kana caalaa hin goone ree! Isa dhiisaa; waan Rabbii Allaahan isa ajajeef inni na haa abaaru. 12 Tarii Rabbii Allaahan dhiphina koo argee abaarsa ani harʼa abaaramaa jiru kana waan gaariitti naa geeddara taʼaa."

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    5 አኩመ ዳዊት ሞትች በሁሪም ገኤን ነምች በልበለ ማቲ ሳኦል ቶኮ እት ዹፌ። መቃንሳስ ሽሜኢ እልመ ጌራት፤ ነምች ኩንስ ዳዊትን አባራ ገድ በኤ። 7 ሽሜኢንስ አከነ ጄዼ እሰ አባራ ቱሬ፤ "አሲ በእ፤ አሲ በእ፤ አት ነመ ዺጋት፤ ነምቸ ሀማነነ!

    10 ሞትች ገሩ አከነ ጄዼ፤ "ያ እልማን ዜሩያ፣ አኒፊ እስን ማል ወልራ ቀብነ? ዮ እን ሰበቢ ዋቀዮ፣ ‘አት ዳዊትን አባር’ እሳን ጄዼፍ ነ አባሬ ኤኙቱ፣ ‘አት ማሊፍ ዋን ከነ ጎተ?’ ጄዼ እሰ ጋፈቹ ደንደአ?"

    11 ኤርገሲ ዳዊት አቢሻዪፊ ቆንዳልቶተሳ ሁንዳን አከነ ጄዼ፤ "እልምኮ ከን ጉዴደኮቲ በኤዩ ሉቡኮ በሌሱ በርባደ። ዮስ ነምች ጎሰ ቤንያም ኩን ሀመም ከነ ጫላ ህንጎኔ ሬ! እሰ ዺሳ፤ ዋን ዋቀዮ እሰ አጀጄፍ እን ነ ሃአባሩ። 12 ተሪ ዋቀዮ ዽጵነኮ አርጌ አባርሰ አን ሀርአ አባረማ ጅሩ ከነ ዋን ጋሪት ና ጌደረ ተኣ።"

  2. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    5 Akkuma Daawit mootichi Bahuuriim gaʼeen namichi balbala maatii Saaʼol tokko itti dhufe. Maqaan isaas Shimeʼii ilma Geeraa ti; namichi kunis Daawitin abaaraa gad baʼe. 7 Shimeʼiinis akkana jedhee isa abaaraa ture; "Asii baʼi; asii baʼi; ati nama dhiigaa ti; namicha hamaa nana!

    10 Mootichi garuu akkana jedhe; "Yaa ilmaan Zeruuyaa, anii fi isin maal wal irraa qabna? Yoo inni sababii Waaqayyo, ‘Ati Daawitin abaari’ isaan jedheef na abaare eenyutu, ‘Ati maaliif waan kana goota?’ jedhee isa gaafachuu dandaʼa?"

    11 Ergasii Daawit Abiishaayii fi qondaaltota isaa hundaan akkana jedhe; "Ilmi koo kan gudeeda kootii baʼe iyyuu lubbuu koo balleessuu barbaada. Yoos namichi gosa Beniyaam kun hammam kana caalaa hin goone ree! Isa dhiisaa; waan Waaqayyo isa ajajeef inni na haa abaaru. 12 Tarii Waaqayyo dhiphina koo argee abaarsa ani harʼa abaaramaa jiru kana waan gaariitti naa geeddara taʼaa."

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.