8 "Utuu ani waaʼee gaanfawwan sanaa yaadaa jiruu gaanfi xinnaan isaan gidduudhaa baʼe biraa tokko fuula koo duratti mulʼate; gaanfawwan jalqabaa keessaa sadan isaanii fuula isaa duratti bubuqqaʼan. Gaanfi kunis ija ija namaa fakkaatuu fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qaba ture.
25 Inni Allaah Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu.