8 Nama kophaa isaa jiraatu tokkotu jira;
innis ilma yookaan obboleessa hin qabu ture.
Yeroo hunda hojiitti dadhaba;
taʼus iji isaa qabeenya isaa ilaalee quufe hin jedhu.
Innis, "Ani eenyuuf jedheen dadhaba?
Maaliifan gammachuus of laga?" jedhee gaafate.
Kunis faayidaa hin qabu;
hojii buʼaa hin qabnee dha!